Waldaan Hojii Gamtaa Liqii fi Qusannaa Faayinaansii Yanyaa Dhaqqabdummaa isaa babal’isee dorgomaa ta’uuf hojjachaa jiraachuu beeksise.ra.

Waldaan Hojii Gamtaa Liqii fi Qusannaa Faayinaansii Yanyaa Dhaqqabdummaa isaa babal’isee dorgomaa ta’uuf baay’ina miseensota isaa dabaluu irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuu beeksise.

Waldahichi Waltajjii yaa’ii waliigala idilee 2ffaa gaggeessee irratti gabaasni raawwii hojii waldichaa kan bara 2016, Oodiitii fi karoora bara 2017 dhiyaatee mariin irratti gaggeefameera.

Bara 2016tti miseensota isaatiif liqii birrii miliyoona tokkoo ol kan laatamte yoo ta’u, birrii miliyoona shan ol karaa adda addaatiin argamuun, qabeenyi waliigalaa Birrii miiliyoona 77 ol akka ga’e ibsameera.

Hojiin waldaan hojii gamtaa erga hundeeffamee yeroo baay’ee gabaabaa keessatti hojjatamaa ture jajjabeessaa ta’us, keessumaa gama bu’aa waldaa hojii gamtaa guddisuu, sadarkaa fi bal’ina kenniinsa tajaajilaa babal’isuu, baay’ina miseensotaa guddisuu, qo’annoo fi hojiirra oolchuudhaan tajaajila liqii itti fufiinsa fi dandamachuu isaaf qoratamee, hojiin hordoffii cimaan kenniinsa liqii irratti rakkoolee gurguddaa akka hin uumamneef hojjatamuu qaba.

Gama waldichi tajaajila kennu ta’uu isaatiin miseensoota jiranii fi namoota haaraa waldichatti makamuu barbaadaniif akka salphatuuf wiirtuuwwan tajaajila isaa babal’isuu fi maichoota biroo waliin hariiroo hojii qabu cimsuu akka qabu miseensonni yaada dhihaateera.

Dura taa’aan waldichaa Obbo Daani’eel Dedesee konfiraansii kana irratti yaadonni milkaa’ina dhaabbatichaa gara fuula duraatti qajeelchuu danda’an akka turan ibsaniiru hojiiwwan, gurmaa’insa, itti gaafatamummaa fi bu’uuraalee seeraa yaada miseensonni kaasanii fi hojiiwwan karoorfame irratti hundaa’uun.

Bakka bu’aan Waajjira Jaarmiyaa Waldaa Hojii Gamtaa Dirree dhawaa kan ta’an Sulxaan Amiso akka ibsanitti, waldaaleen hojii gamtaa akka dandeettii filannootti hanqina maallaqaa ittisuuf, fedhii hawaasaa guutuu qofa osoo hin taane, miseensonni dabaluudhaan qabeenya akka maddisiisan taasisuuf gahee guddaa akka qaban ibsaniiru.

Obbo Sulxaan akka ibsanitti, barbaachisummaan gumaacha waldaaleen hojii gamtaa qusannoo faayinaansii fi liqii ciccimoon guddina dinagdee waliigalaa keessatti qaban muuxannoo waldaalee akkasii sadarkaa biyyaatti bifa adda addaatiin gurmaa’anii fi socho’an irraa hubachuun ni danda’ama.

Waldaan Hojii Gamtaa Qusannaa fi Liqii keenya yeroo gabaabaa hojii isaa keessatti bu’aan argamsiise abdachiisaa ta’uu ibsuun gara fuulduraattis muuxannoowwan gaggaarii babal’isuun qaawwa jiru irra aanuun bu’aa fooyya’aa argachuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Gabaasni raawwii hojii fi odiitii waldichaa bara 2016 walgahii kana irratti dhiyaate sagalee guutuu miseensotaatiin kan ragga’e yoo ta’u, filannoo miseensota hojii raawwachiiftuu waliin deemanii fi miseensota koree to’annoo akkasumas filannoo miseensota koree ejjennoo shan gaggeeffameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *