Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Bakka bu’oonni Qaamolee hawaasa gara garaa Kan irratti hirmaatanii fi Paartiin Badhaadhinaa Murteewanii fi Kallattiiwan fuulduraaf kaa’aman irratti Kan xiyyeefate waltajjii Marii Biyyaalessaa Dirree Dhawaatti gaggeefame.
Waltajjii kanaaniis kallattiifi Murteewwan yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin kaayamaniifi hojiirra oolmaya isaarratti Hundaa’uun mariin taasifameera.
Waltajjii kana irratti haasaa baniinsaa Kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar akka jedhanitti Bulchiinsa keenyatti Jijjiiramaan asitti Gaggeesota Ol’aanoo irraa eegalee Gaggeessonni Sadarkaa Sadarkaan jiranjijjiiramicha fiixaan baasuuf Yaa’ii hanga yaa’iitti hawaasa bal’aa sochoosuun Nageenyaa fi tasgabbii guutumaan guutuutti siransuun Aadaa dinqisiisaa jaalalaa fi Obbolummaan dagaagsuun sabaa Sablamootaa fi Ummatoonni Marti walkabajuun Kan waliin itti jiraatan Dirree Dhawaa Misooma Kooridaraan, Paarkii Indastiriiwan oomishoo fi Naannawa Daldala Bilisaa taasisuun cinatti Damee Koonfiransii Turizimiin filatamtuu taasisuun danda’ameeraa jedhan.
Kantiibaa Kadiir itti-dabaluuniis Amaloota Dhaabilee Siviil Sarvaantii jidugaleefachuun Hojiiwan Riifoormii raawachuun Tajaajila Si’aawaa, Saffisaa fi Hanna irraa walaba ta’e Kan Dijitaalaa hojiirra Oolaa jiraachuus addeessan.
Haala Seenaa Magaalaa Dirree Dhawaa madaaluun Kutaalee Magaalaattii kanneen adda addaa Shanitti walumaagalatti Daandiin Kiiloomeetira 8.54 dheeratu Kan Kaameraan Nageenyaa fannifameef Ujumoon dhangala’aa Bishaanii oofu Kan Sadarkaa isaa eegate, Sarara Imaltoota Miilaa fi Imala Baaskileetaa hammate dabalatee ijaarsa Giddugalli Akaadaamii Dargaggootaa fi Piroojektoonni gurguddoon biroos gaggeefamaa jiraachuus himan.
Dhuma irrattiis Ummata Dirree Dhawaa waliin qindoomina keenya daran cimsuun kallattiifi Murteewwan yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin kaayaman hojiirra oolchuun Dirree Dhawaa Badhaadhinatti ceesisuuf cimnee hojjannaa jedhan.
Itti-Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Gama isaanii Akka jedhanitti paartichi erga hundeefamee kaasee fedhii guddinaa fi misoomuu Ummataa dhugoomsuuf Karoorfannee hojjachaa Jiraachuu fi bu’aawwan qabatamoon galmeessuu addeessan.
Abdii Adamiin
Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa


