Manni marii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yaa’ii idilee 9ffaa bara hojii 3ffaa waggaa 4ffaa oolmaya Waaree boodaan ittifufee ooleera.

Gabaasni raawwii hojii ji’oota jahan jalqabaa tajaajila hojii raawwachiiftuu fi bulchiinsa magaalaa bara baajataa 2017 ganama Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Kadir Juhaariin akka dhiyaatu ni beekama.

Kabajamoo kantiibaan Kadir Juhar ji’oota jahan darban bulchiinsa keenya keessatti gama sassaabuu, gatii gabaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuun hojiin jajjabeessaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Miseensonni Mana Maree bulchiinsa Dirree dhawaa raawwii karoora ji’oota jahaa jalqabaa ilaalchisee gaaffii qaban waltajjii irratti dhiyeessaniiru.

Waa’ee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa qabeenyaa, carraa hojii uumuu baadiyyaa ,inshoraasi fayyaa, barnoota, dubartootaa fi daa’imman, pirojektoota daandii, dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu, dargaggootaa fi ispoortii irratti gaaffii kaasaniiru.

Gaaffilee ka’aniif deebii kan kennan Kabajamoo Kantiibaan bulchiinsa dirree dhawaa Kadir Juhar akka jedhanitti, walakkaa waggaa jalqabaa keessatti galii walitti qabuu, gatii gabaa tasgabbeessuu fi hojiiwwan carraa hojii uumuuf jajjabeessan hojjetamuu isaanii ibsaniiru.

Kabajamoo kantiibaan Obbo Kadir Juhar hawaasni baadiyyaa faayidaarraa gara omishaatti jijjiiruuf bulchiinsi Dirree dhawaan tattaaffiin eegale jajjabeessaa ta’uu ibsuun, bu’aawwan baadiyyaatti eegalaman kana sadarkaa olaanaatti ceesisuun hawaasa baadiyyaa faayidaarraa bilisa baasuuf kutannoodhaan ni hojjanna jedhaniiru.

Kabajamoo kantiibaan bulchiinsa dirree dhawaa obbo Kadir Juhar gaaffii miseensonni mana marichaa kaasaniif deebii kennaniin; Bara baajataa kana ji’oota jahan darban keessatti hojiin damee hundaan hojjetame jajjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Wixinee dambii naamusaa fi hojimaata dhimma naamusa Seeraa Manneen Murtii Bulchiinsaa Dirree ragga’u murtaa’eera.

Muktar Ahmadiin

Suura :-Ageenyahu shawaaraggaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *