Dirree Dhawaa Smart gochuufi Kenna Tajaajila Si’ataafi Ariifachiisaa teeknolojii sooftiweerii ammaayyaan deeggarame hojiirra oolchuuf akka miijatutti kan hojjetame Giddugalli Tajaajila Tokkichaa Dirree Masoob xumurame eebbifame.
Sagantaa Eebba Giddugalichaarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Kabajamtuu Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Kabajamtuu Aadde Fathiyaa Aden, Ministeerri Tajaajila Komunikeeshinii Itoophiyaa Kabajamtuu Aadde Innaatalem Eebba Mallas Dabalatee aanga’oonnifi miseensonni Kaabinee bulchinsaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin Biyyaatiif abbootiin gadaafi, ugaazonni, hojjettoonni mootummaa, fi keessummoonni hedduun argamaniiti jiran
Sagantaa eeybaa kanarratti haasawa kan taasisan Kabajamoo Kantibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Tajaajiloonni mootummaa jijjiiramaatiin laatamaa jiran daran si’ataafi saffisaa tahuun tajaajilamtoota kan quubsaniifi magaalaa ismaartii taate uumuuf tajaajilli jiddugala tokkoo masoob gahee olaanaa kan qabu tahuu eeranii, qaamoolee hojii kana keeysatti hirmaatan galatoomfataniiti jiran.
Itti aanaan Kantiibaafi walitti qabaan koree tajaajila jiddugala tokkoo masoob Dirree obbo Harbii Buuh gama isaaniitiin, Bulchiinsi Dirree Dhawaa kallattii sadarkaa biyyaatti mootummaan kaayeen tajaajila si’ataafi qulqulluu laachuuf hojjachaa kan argamu tahuu kaasanii, tajaajila kanaan dhaabbilee 6 bulchiinsarraa afur immoo federaalarraa walitti fiduudhaan waliigalatti dhaabbiilee 10 kanneen tajaajiloota 28 laachuuf qophaawan hojii eegalchiisuufi kana ijaarsisuufimmoo mootummaan kenna Tajaajila Ummataa ammayyeessuufi saffisiisaa taasisuuf kutannoo qaburraa kan ka’e gamoo kana ijaarsisee xumuruudhaaf murteessuun guyyaa kana eebbisiisuu human
Keeysummaa kabajaa ta’uun saganticharratti kan argaman Sadarkaa Ministiraatti Hoggantuu Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Kabajamtuu Aadde Innaataalem Mallas haasawa taasisaniin, Tajaajilli jiddu gala tokkoo masoob rakkoolee kenninsa tajaajilaarratti hawaasa keenya kanaan dura mudachaa turan furuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeranii giddugalichi kun tajaajiloota hedduu iddoo tokkotti kan laatu tahuusaatiin tajaajilamtoonni otuu hin araafamnetti saffisaan tajaajila barbaadan hundumaa iddoo tokkotti akka argatan kan taasisu tahuufi kuniis wa’aada mootummaan hawaasaaf seene mirkaneeysuu keeysatti gahee olaanaa kan qabu tahuus ibsaniiti jiran.


