Mootummaan Dhiheessa Boba’aan Walqabatee Tarsimoowwan Rakkoolee Mudatanirraa Dandamachiisuu Danda’an Ifoomsuun Ibsame.

Walitti Bu’insa Dhiheenya kana baha giddu- galeessatti mudate hordofuun dhiheessa boba’aarratti rakkoolee mudate dandamachuun akka danda’amutti mootummaan tarsimoolee ifoomsee jiraachuu Biiroon Daldalaa, Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Beeksise.

Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Daldalaa Industiriifi Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Amiinoo Xahaa har’a ibsa gaazeexeessotaaf kennaiin rakkoo dhiheenya Biyyoota Giddugala bahaatti sababaa walwaraansa Iraaniifi Izraa’eeliif Ameerkaa giddutti adeemamaa jiruun dhiheessa boba’aa akka idiladdunyaatti mudate dandamachuudhaaf Ministeerri daldalaafi hidhata naannichaa Dr. Kaasahun Goofee ibsa kennan hordofee Jiraattota Dirree Dhawaaf odeeffannoo barbaachisu yeroo yeroon kennuun kan barbaachisu ta’uu ibsan.

Dhiheessi boba’ aa kanaandura Litira Mil.9.2 ture yeroo ammaa kan Mil. 4.2 tti gad bu’uu kan eeran Obbo Amiinoo Xahaa rakkoo nageenyaafi tasgabbii lola biyyoottan baha giddigaleessaatti uumameen hanqinni dhiheessa bobaa cimaan mudatuu eeranii mootummaan rakkoolee kana cehuufimmoo kallattii fayyadama boba’aarratti kaa’erratti ibsa bal’aa taasisaniiti jiran.

Mootummaan dhiheessa boba’aaf ji’a tokkotti deeggarsa Naafxaaf litiratti deeggarsa birrii 95 , beenziiniif litiratti birrii 42 deeggarsa kan taasisaa jiruuf walumaagalatti ji’aan birrii Bil.15_20 deeggarsa taasisaa jiraachuufi qabeenya biyyattii kanammoo qusannaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu Obbo Amiinoon dubbatanii kana gochuufimmoo ummanni bal’aan rakkoo kana hubachuudhaan tarsiimoolee bahan kannen akka hojiirra oolaniif tumsa barbaachisu akka gumaachan kan irraa eeggu ta’uus ibsan.

Kanamalees Obbo Amiinoon Yeroo amma kan hanqinoota boba’aa mudate daheeffachuun qaamoleen daballii gatii gochaa jiran argamuufi qaamota akkasiirrattimmoo mootummaa tarkaanfii cimaa kan fudhatu ta’uu himan.

Rakkoo hanqina Dhiheessa Boba’aa akka biyaatti mudate kana furuudhaaf tarsiimoowwan mootummaan ifoomseefi ummannis hubachuun tumsa gochuu qabanirratti murteefi kallattiin kaa’amee jiraachuu ibsaniiti jiran.

Haaluma kanaanis akka hojiilee misoomaafi ikonomiin biyyattii hinmiidhamnetti qamota boba’aa dursaan argachuu qaban adda baasanii kan ifoomsan yommuu ta’u, bootteewwan boba’aa geejjiban, dhaabbilee ykn warshaalee gurguddaa oomishtoota olaanoo alergii, piroojektoota gurguddaa mootummaafi dhuunfaa xiyyeeffannoo addaa qaban, konkolaattota meeshaalee nyaataafi jireenyaaf oolan deddeebisan, Mootorootaafi maashinoota qonnaa ammayyaa, konkolaattota imaltootaa qaxxaamuraafi daddeebii biyyooleessaafi magaalaa keessaa, otoobisoota ummataa naafxaa fayyadaman, konkolaattota, dhaabbilee nageenyaa, fayyaa, fi kannee biroo kanneen xiyyeeffannoo addaa qabaniif dursi kan kennamu ta’uu Obbo Amiinoo Xahaa ibsaniiti jiran.

Gamabiraan hawaasa bal’aarraa maala akka eeggamuu qabu ilaalchiee dhaamsa kan kennan Obbo Amiinoo Xahaa haawasni hundumtuu boba’aa argatan qusannaan akka itti fayyadaman, humnoota anniisaa haaromsaman akka itti gargaaraman, imala miilaa akka jajjabeessan, imala hinbarbaachisne akka dhiisaniifi geejjiba ummataa akka fayyadaman dhaamaniiti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *