#DGC Sadaasa 24/2017
“Qabsoo Farra Malaammaltummaa Dargaggoota Hammateen Hegeree Qajeelloo Ijaaruu” Mataduree jedhuun akka addunyaatti yeroo 21ffaafi Akka biyyaattimmoo yeroo 20ffaaf kan Kabajamaa jiru guyyaan farra Malaammaltummaa sagantaalee gara garaatiin kan Kabajamaa jiru yommuu ta’u, guyyaa har’aatiis waldorgommiin gaafiifi deebii manneen barnootaa giddutti taasifameeti jira.
Komishinarri Komishinii Farra Malaammaltummaa Bulchinsatti Dirree Dhawaa Obbo Feenus Abduljabbaar Sagan rich array to argamuun haasaa yommuu taasisanitti Dhaloota boruu kan Malaammaltummaa beekee balaaleeffatu oomishuuf hojiin manneen barumsaattii hojjetaman jiru jajjabeessaafi abdachiisaa ta’uu dubbatan.
Obbo Feenus Abduljabbaar itti dabaluudhaanis qooda fudhattoonni fi hawaasni manneen barumsaa ijaarsa amala gaarii lammiileerratti dhiibbaa olaanaa qabaachuu hubatanii kanrrattis ciminaan hojjechuun dhaloota hannaa, Malaammaltummaa fi hojmaata Abdii balaaleeffatu ijaaruun guddina biyyaaf gahee isaanii akka gumaachan dhaamaniiti jiran.
Guyyaa farra malaammaltummaa kana sababeeffachuunis sagantaaleen adda addaa bulchinsatti kan gaggeeffamuuf jiran ta’uun beekameeti jira.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa:Salaam Abbabaa


