Ayyaanni Hundeeffama paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaan Dirree Dhawaatti Kabajamaati jira.

Bulchiinsa Dirree Dhawaatti ‘‘Yaanni bilchaataan Badhaadhina hunda galeessaaf ’’ Mata Duree jedhuun Agarsiifni Suuraa Bu’aawwan paartiin Badhaadhinaa imala waggoota shaniin galmeesse kan mul’isu kan dhaabileen Bulchiinsa Dirree Dhawaa irratti hirmaataniin Ayyaanni Hundeeffama paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaan Dirree Dhawaatti Kabajamuu jalqabeera.

Kurfii kana irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar haasaa taasisaniin akka ibsanitti Bulchiinsa Dirree Dhawaatti erga Hoogansi jijjiiramaa gara aangootti dhufeen as Sagantaa Paartii keenya paartii Badhaadhinaa hubannoo keessa haala galcheen hojiiwwan misoomaa gurguddoon dhalootaaf bu’ura ta’an Gubbaa hanga sadarkaa gadiitti haala qindaawaa ta’een karoorfamanii raawwatamaa jiraachuufi kanaaniis bu’aawan Badhaadhina Bulchiinsa keenyaa dhugoomsuuf bu’ura ta’an raawatamaa jiruu jedhan.

Kurfii Ayyaana Hundeeffama paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaan kurfii Agarsiifni Suuraan kabajamuu jalqabe irratti Dhaabilee fi Qaamolee hirmaatan maraan baga ittiin isin ga’e ga’e jechuun ergaa baga geessanii kan dabarsan Waajjira paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaatti Itti-Aaanaa Ittigaafatamaa fi Hooganaa damee Siyaasaa kan ta’an Obbo Shaakir Ahmad akka jedhanitti Agarsiifni Suuraa kun paartiin Badhaadhinaa imala waggoota shaniin Bu’aawwan galmaawan keessaa muraasa kan mul’isuu jedhanii Mul’ata paartichaa mirkaneessuuf waliin taanee hojjachuu qabnaa jachuun dhaaman.

Abdii Adamiin

Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *