Jilli Gamtaa Awurooppaa, Imbaasiiwwan Ingilizii fi issiwiidin kan teessoo isaanii finfinnee godhate, akkasumas waajjira Dhaabbata Godaantota Idil Addunyaa (IOM) Itoophiyaatti argamu of keessaa qabu tattaaffii ijaarsa dandeettii namoota deebi’anii deebisaniif taasifamaa jiru irratti bulchiinsa Diree Dhawaa waliin marii gaggeessee jira.
Bulchiinsi kun bulchiinsa Diree Dhawaa keessatti hojiin baqattootaa deebisanii hundeessuuf keessattuu carraa hojii uumuu fi gocha Godaansa yeroo dheeraa ittisuuf hojii dammaqinaan Bulchiinsatti hojjatamaa jiru Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchiinsa Diree Dhawaatti Hogganaan Ejensii Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Obbo Abdurahmaan Muusaa ibsaniiru.
Miseensonni jiila kanaa akka ibsanitti,Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Biiroon Dhimma Dubartoota,fi Daa’immanii Hawaasummaa , Dhaabbata Godaantota Addunyaa (IOM) waliin ta’uun miidhaa lammiileen buyya teenyaa kanneen adda addaa irraa gara biyyoota ollaatti daangaa ce’uun irra ga’aa jiru hir’isuu fi yakka Godaansa Namoota Seeraan alaa to’achuuf hojiin Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojjatamaa jiru kan sadarkaa biyyaalessaatti muuxannoo ta’uu ta’uu danda’u jechuun miseensonni jila kanaa ibsaniiru.
Jilli kun Giddugala Moora Godaantotaa (MRC) dirree fi Kolleejjii Pooliteeknikii Diree Dhawaa daawwateera.


