Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa
Mataduree “Saaxilamummaa HIV xiqqeessuufi Kenninsa Tajaajilaa Malaammaltummaarraa Bilisa Taasisuu ” jedhanirratti Hojjettootaafi Ogeeyyii Komunikeeshinii Wajjiin Waltajjii Marii
Gaggeesse.
Waltajjii marii kanarratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Gootummaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Obbo Buruk Fallaqaa dhaloota Naamusaa gaarii gonfachuun malaammaltummaa balaaleeffatuu HIVrraa bilisa ta’e Uumuun akka guddina dinagdee Biyyaatiif gaheesaanii gumaachan gochuun kan barbaachisu ta’uu ibsan.
Dabalataanis Obbo Buruk Fallaqaa qaamonni Komunikeeshinii gahee kan bahachuu akka qabaniifi hubannoo hawaasni dhukkuba HIVfi Malaammatummaarratti qaban geeddaruurratti hojiileen gurguddaan hojjetamuu akka qabanis dhaamaniiru.
Sanadoota lameen dhihaaterratti hirmaattonni waltajjichaa yaadaafi gaaffilee kan dhiheessan yommuu ta’u, Biiroo Fayyaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Ogeessa qindeessa Ittisaa HIV kan ta’an Obbo Yoonaas Salamoon gaaffilee hirmaattotarraa ka’aniif deebii kennuun Mariin bal’aan gaggerffameeti jira.


