Hojjatootaa fi Gaggeessonni Biiroo dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Jidugala Tursiisa Manguddoota Maqadooniyaa Damee Dirree Dhawaatti Ayyaana Bara Haaraa 2018 sababeefachuun sagantaa Affeerraa laaqanaa fi Mana Hojii Tola Ooltummaan ojaarsisan Abbaaf sagantaa laachuu gaggeessan.
Sagantaa kana irratti Hooganaan Biiroo dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Biruuk Fallaqaa akka jedhanitti Bara Haaraa Mangudoota Biyya teenyaaf waan baay’ee hojjataniif waliin dabarsuun gammachuu addaa kan uumuu jedhan.
Biiroo dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Daayireektarri Daayireektoreetii Infoormeeshin Komunikeeshinii Mootummaa Obbo Milkeessaa Muummee Mangudoota Deegaruu fi kunuunsuun barbaachisaa ta’uu ibsanii hawaasni keenya marti ayyaanicha walkabajuu fi waloominaan dabarsuu akka qabaniis dhaaman.
Qindeessaan Jidugala Tursiisa Manguddoota Maqadooniyaa Damee Dirree Dhawaatti Siima Minaas gama isaaniin akka jedhanitti Biiroon dhimma Komunikeeshinii Bulchiinsa Dirree Dhawaa yeroo gara garaa tti deegarsa jidugalichaaf taasisa jiraniif galateefatanii kanneen biroos deegarsa akka taasisan dhaamsa.


