Dirreen Dhawaa Naannawa Daldala Bilisaa fi Jidugala Indastirii Kutaa Baha biyyaa akka ta’uu isheetti Dhiheessiin Bishaanii guddina ishee madaalu ni barbaachisa jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar ibsan.

Baasii Birrii Biiliyoona 1.3’n Bulchiisa Dirree Dhawaa kilaastara Asallisootti ijaaramuuf, Iddoo Hoggantoota Ol-aanoo Feedraalaatii Fi Bulchiinsaa arkamanitti Dhagaan bu’uuraa kaayame.

Ministeerri Ministira Bishaanii Fi Inarjii Dr Injiinar Habtaamuu Ittafaa, Piroojaktichi Rakkoo Bishaanii furuun gamatti Miidhagina Magaalaatii fi hiree hojii Uumuu Keeysatti shoora ol’aanaa qabaachuus ibsan.

Piroojaktiin ijaaramu kun Qaama Piroojaktii Bishaan Dhugaatii fi Qulqullina Magaalota Itoophiyaa yoo tahu deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaa irraa argameen magaalota Itoophiyaa 22 keessatti hojiirra oolaati argama.

Magaalaan Dirree Dhawaatiis magaalota kanneen keeysaa takka yoo taatu dhagaan bu’uuraa kilastaraa asallisoo Araddaa gola’aditti kayamee jira.

Sagntaa kanarratii Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Argamuun Hasawaa tasiisaniin Rakkoo Bishaan Dhugaatii fi Miidhagina Magaalaa eeguuf piroojaktichi furmaata kan tahu jechuun kaasanii, yaroo qabameefitti Piroojaktichi akka xumuramu kallattii Kaayan.

Ministeerii Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr Injiinar Habtaamu Ittafaa Piroojaktichi Sirna Bishaan xuraa’aa Iddo Tokkotti kuusuu fi ammayyeessuuf gahee Ol-aanaa kan qabu tahuu ibsanii,Rakkoo balfa goggogaa fi dhangla’aa amma jiru bakka tokkotti qabachuu fi gatuun furmaata waaraa kan fidu tahuu ibsan.

Warshaan kun Tajaajila laatuun gamatti Hawaasa naannichaatiif carraa hojiitiis Kan uumu tahuu addeeysan.

Ittii Gaafatamaan Waajjira Bishaanii Fi dhangala’oo Bulchiinsa Dirree Dhawaa Injiinar Mahammad Muussee Piroojaktichi Rakkoo Bishaan xuraa’aa furuu bira dabree boolla bishaan dhugaatii qotuu, Daandii hojjachuu fi hojiiwwan kanaan walqabatan kan biroo of keeysatti kan haammate tahuu fi hawaasa roga hedduun fayyadamoo kan taasisu tahuus ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *