Waggaa waggaan Kan kabajamu Guyyaa Dargaggoota Addunyaa kabajamu sababeeffachuun, Komishiniin Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Waldaa Dargaggoota Qabeenyaa waliin tahuun, qaamoota hawaasaa deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisee jira.
Guyyaan Dargaggoota Addunyaa marsaa 26ffaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa sagantaa garaagaraatiin kabajamee jira.
Sagantaa kanarratti argamuun haasawa kan taasisan itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Guyyaa Dargaggoota Addunyaatiin baga isin gaye erga ja’an booda, jijjiirama akka biyyaatti dhufe keessatti gaheen dargaggoonni qaban olaanaa waan taheef kana caalaa hojjachuun gara fuula duraatti ceesisuu akka qaban dhaaman.
Komishinarri komishinii dargaggoo fi Ispoortii bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaaliid Mahammad akka biyyaatti dargaggoonni ashaaraa mataa isaanii kaayaa kan jiran tahuu himanii, hojii tola ooltummaa hojjetaman keessatti bal’inaan hirmaachuu akka qaban dubbatan.
Komishinichatti Daarektarri Gurmaa’insa Dargaggootaa fi Hojii Tola ooltummaa Obbo Bahar Abdallaa xiyyeeffannoon, kabaja guyyaa kana irratti dargaggoonni hojii tola ooltummaa irratti bobbahan akka jajjabeeffamu carraa kan uumu tahuu himuun, Waldaan Dargaggoota Qabeenaa hojiin hojjatan fakkeenyummaa guddaa kan qabu waan taheef dargaggoonni biraa akka irraa baratan dhaamsa dabarsan.
Qaamuma sagantaa kanaa kan tahe waldaya Dargaggoota Qabeenaa Damee Dirree Dhawaatiin deeggarsi uffataa Manguddootaaf akkasumaas dabtarri barnootaa daa’immaniif kan taasifame yoo tahu, sagantaan arjooma dhiigaatiis gaggeeyfamee jira.


