Daawannaa kana irratti Kantiibaa Bulchiinsaa Obbo Kadiir Juhaar Akka ibsanitti hojiin Misooma Sululaa gaggeefamaa jiru kaanatti tokkummaa keenya eegnee qabatamaa fi dhugaan waan jireenya Ummata keenyaa jijjiiruuf Xiyyeefannoon hojjachuun Ummata keenya Kan Aadaa gaarii hojii daran gabbisuu Hiyyummaa keessaa waan baasuuf dadhabbii malee daran waan hundaa ol cimnee waan baay’ee hojjachuun fi Jiraatota Aanaalee Baadiyyaa hojii kana irratti hirmaachaa jiran jajjabeessuufi haala Raawwii hojiichaas foo’uuf Yaadamee daawannaan kun gaggeefamuu ibsan.
Itti-Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina damee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf Gama isaaniin Akka jedhanitti Imala Badhaadhinaa jalqabne milkeessuu fi diina guddaa Biyya teenyaa Kan ta’e Hiyyummaa injifachuuf hojiin Misooma Sululaa murteessaa waan ta’eef Xiyyeefannoon Akka biyyaattiis ta’ee Sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Xiyyeefannoon hojjatamaa jiraa jedhan.
Hooganaan Biiroo Qonna, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Obbo Nuuraddiin Abdallaa Gama isaaniin Amajjii 18 irraa jalqabee Amajjii 18/2017 irraa jalqabee kan gaggeefamaa jiru Hojii Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa hojjatamaa jiru Dhibbeentaa 56 % raawatamuu ibsanii Hojii Misooma Sululaa Ji’oota Bona bara 2017 Kanaan
Lafa Heektaara 5,550 irratti Hojii Eegumsa Qabeenya Uumamaa fi Misooma Sululaa irratti raawwachuun Daarawuums Lafaa Dhibbeentaa 3.7 irrisuun Waggaa waggaan Biyyee gabbataa Galaanaan dhiqamee fuudhamuu danda’u Biyyee gabbataa Toonii 48,685 hir’isuu fi Lafa Ooyruu Heektaara 4,556 irratti hojii Jiidhiinsa Hidhuuf Karoora qabanne yeroo qabannee duratti raawachuuf Kan nu dandeesisuu jedhan.
Jiilli kun Guyyaa arraa Kilaastara Assalissoo Araddaa Hulaahuluulii fi Ganda Rigee, Kilaastara Waaheel Araddaa Halloo Busaa fi Dhuujumaa akkasumaas Kilaastara Biyyoo Awaallee Araddaa Biyyoo Awaallee fi qaalichaatti Hojiin Misooma Sululaa gaggeefamaa jiru daawataniiru.
Abdii Adamiin
Suuraan Aganyahu Shawaaraggaa


