Manneen hujii tola ooltummaatiin hojjataman lamaan ji’a tokkoofii guyyaa 15 keeysatti jaaranii kan xumuran tahuu Itti aanaan biiroo Daldala Industiriifii Invastimantii obbo Abdii muktaar sirna eegalchiisaarratti dubbatan.
Hujiin tola ooltummaa baroowan torban dabranitti akka biyyaattiif tahee akka bulchinsaati hojjatamaa jiran lammiilee harka qalleeyyii rogoowwan gara gara garaatiin fayyadamoo taasisaa argama.
Hujii kana keeysaa hujiin manneen lammiilee dadhabootiifii harkaqalleeyyii jiiyanii ijaaruu tokkoodha.
Akkaatuma kanaan Biiroon Daldala Industiriifii invastimantii waldaya aksiyoona Itiyoo caat waliin qindaa’uudhaan hujii manneen lammiilee dadhaboo jiiysanii ijaaruu araddaa 04 tti eegalchiisanii jiran.
Sirna kanarratti itti aanaan Biiroon Daldala Industiriifii invastimantii Obbo Abdii muktaar ammaan dura aanaalee gara garaati manneen afur jaaruudhaan addeeysanii bara kanaas manneen jaha ijaruuf kan karoorfatan ta’uufii kanneen keessaahiis manneen lama araddaa 04 jiisanii ijaaruuf hujii eegaluu addeeysan.
Obbo Abdiin Abbootiin qabeenyaa kan birootiis akkuma Waldaya Itiyoo Caatitti hujiilee haawaasummaarratti hirmaachuun tumsuu akka qaban dhaaman.
Waldaya Itiyoo caatitti hogganaan kutaa faayinaansii Obbo Balaanah Birruu Waldayni isaanii hujiilee daldalaa, jimaa alatti erguun gamatti hujiilee misoomaa keeysatti hirmaachuun itti gaafatama hawaasummaa bal’achaa jiraachuu dubbatan.
Hujii tola ooltummaa biirichi waldaya Aksiyoona Itiyoo caat waliin qindoomuun Araddaa 04 hujii mana lammiilee dadhaboo ijaaruu eegale kanaan manneen lama hujin jiiysanii ijaaruu kan jalqame yo tahu manneen kuniis jaarumsi isaanii ji’a tokkoofii cinaa keeysatti xumuruun abbootii kan qeebalcgiisan tahuun ibsamee jira.


