Istaadiyoomni Dirree Dhawaa kan sadarkaa isaa eeggachuudhaan ulaagaa Fifa Idil Addumnyaa guutuudhaan Xalayaa ragaa arkate guyyaa arraa kana eebbifamuudhaan tapha jalqabaa Garee lamaan kana jidduutti ni gaggeeysa; Yeroo ammaatiis Kantiiba Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obboo Kadiir Juhaar dabalatee Gareen Kaabinee Bulchiinsaatifii Garee Gaazeexeeysitootaa jidduutti taphni gaggeeyfamaati jira.
Tapha kana daawwachuuf Hogganttootni bulchiinsa Dirree Dhawaa baayyeen kan arkaman yoo tahan, Jiraattoonni magaalaa Dirree Dhawaatifi jaalattoonni kubbaa milaa baayyeeniis arkamanii jiran.
Ballina Oduu tanaa yeroo booda isiniif dhiheeysinaati nu hordofa… LIVE dabarsaa waan jirruuf suduudumaan nu hordofuu ni dandeeysan


