“Pirojektiin “SUNCASA” Erga Dirree Dhawaatti Jalqabamee Yeroo Gabaabaa Keessatti Bu’aawwan Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Hedduun Galmaa’aniiru”.

Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar

Jilli Aanga’ootaa Dhaabbata Qabeenya Idil-addunyaa”Worlid Resource Inistitution”(WRI) Daayreektara Citiis For African durfamu Magaalaa Afrikaa Kibbaa-Juhaanisbarg, fi Ruwaandaa-Kigaalii irraa walitti baba’uun garana kaleessa gara Magaalaa Dirree Dhawaa kan I male yommuu ta’u, Yeroo ammaa kanattis Hojiilee Piroojektii Sagantaa ” SUnCASA” tiin bulchinsatti hojjetamaa jiranirratti waltajjii marii gaggeesaati jira.

Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar haasaa baninsaa yommuu taasisanitti ergaa baga nagaan dhuftanii taasisuun Pirojektiin “SUNCASA” Erga Dirree Dhawaatti Jalqabamee Yeroo Gabaabaa Keessatti Bu’aawwan Fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan Hedduun Galmaa’uu ibsaniiti jiran.

Piroojektichi lafa lolaafi hongeen miidhame bosons uwwisuun biratti dubartootaafi dargaggoota keessattuu qonnaan bultootaa fayyadamoo taasisuu kan ibsan Kab. Kantibaa Kadiir pirojektichi inisheetivii faana magariisaa Ministira Muummee Dr Abiyyi Ahmaediin jalqabame waliin kan wall fudhate ta’uu ibsanii Bulchinsaa milkaa’ina Pirojektichaaf deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *