Komishiniin Ittisa Balaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Sosochii Deeggarsa Namoomaa Ofii, Gahee Maatii,fi Ijaarsa Tumsa Ummataa Diriirsuurratti Aanaalee Bulchinsaafi Qooda Fudhattoota Waliin Waltajjii Marii Gaggeessa.
Biyyi deeggarsa biyya alaatiin guddatte kamiyyuu akka hinjirre kan dubbatan Hagganaa Itti Aanaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Bulchinsaa Dirree Dhawaaf Hogganaa Damee ijaarsa Siyaasaa Obbo Shaakir Ahmed Waltajjicharratti haasaa taasisaniin yaaddama Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmadiin biyyattii Deegarmtummaarraa bara Oomishtummaatti ceesisuuf innisheetiiviiwwan jalqabamaniin milkaa’inoonnifi injifannoowwan hedduun galmaa’uu eeranii lammiilee mil. 23.5 ol deeggaramtummaarraa bahuun akka danda’ame ibsaniiti jiran.
Obbo Shaakir Itti dabaluudhaanis ofiif walgargaaruudhaan guutummaa guututti eeggattummaafi gargaaramtummaa jalaa bahuu fi lammiileen hundumtuu xiiqiin onneerraa hojjechuun kan barbaachisu ta’uufi wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi xumura bara 2018 tti biyyattiin deeggaramtummaa jalaa bahuusii kan akka ifoomsitu xiyyeeffannaa guddaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiti jiran.
Hogganaa Komishinarri Komishinii Itti Balaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Suleeymaan Alii gamasaaniitiin hojiilee dandeettii ofiin waldeeggaruutiin ilaalchi maxxantummaafi deegaramtummaa akka hafu gochuurratti milkaa’inoonni gurguddaan galmaa’uu eeranii kunimmoo cimee akka Itti fufuu gochuuf koreewwan gaggeessitootaafi hawaasaarraa kan ijaaramu ta’uufi koreen kunis hawaasni naannoosaanii ofumsaaniin waltamsuudhaan deeggartummaarraa bara oomishtummaatti akka cehan taasisuurratti kan hojjetan ta’uu ibsaniiti joran.
Waltajjii kanarrattis yaada dhihaaterratti yaadonnifi gaafileen hirmaattotarra dhihaachuudhaan mariin bal’aan taasifameeti jira.


