Biiroon Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Daa’imman dhibee irraa eeguuf hojjachaa jiraachuu beeksise.

Duulli dhaadannoo “Daa’imni kamiyyuu osoo hin talaalamne hafuu hin qabu” jedhuun gaggeeffamaa jiru kun, daa’imman dhibee hamaa kana irraa eeguuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibsameera.

Talaalliin pooliyoo bara darbe ji’a caamsaa fi waxabajjii marsaa lamaafan kan kenname yoo ta’u, talaalliin marsaa sadaffaa bara kanaa fulbaana 30 hanga onkololeessa 3, 2018tti, guyyoota afur walitti aansuun kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Fayyaa Bulchiinsaa beeksiseera.

Itti Aanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Yuusuf Saa’iid duula kana ilaalchisee ibsa kennaniin, “Pooliyoon dhibee hir’ina qaamaa fi du’a daa’immanii fiduudha; kanaaf daa’imni kamiyyuu talaallii malee hafuu hin qabu; itti gaafatamummaa hunda keenyaa tahuu dhaamaniiru.

Obbo Yuusuf saayid itti dabaluudhaan talaalliin kun Bulchiinsa Dirree Dhawaa jalatti baadiyyaa fi magaalaa hunda keessatti kan kennamu ta’uu ibsuun, waajjirri isaanii daa’imman kuma sagaltamii torbaa fi dhibba sadii (97,300) talaallii kana dhiyeessuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.

Itti dabaluunis itti gaafatamaan talaalliin kun kan kennamu mana, manatti kan kennamu yoo ta’u, warri fi guddistoonni duula kana keessatti daa’imman hundinuu talaallii kanaan dura talaalamaniis ta’ee osoo hin fudhatiin itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *