Komishinar Alamuu Magraa Ayyaanaa Bara Haarayaa Ilaalchisuudhaan Erga baga ittiin isin gahee dabarsanii jiran.
Komishinar Alamuun ergaa isaaniitiin Ayyaanni baranaa Ayyaanota baroota dabranirraa kan adda isa godhu yeroo Hidhi Haaromsaa guddicha Laga Abbayyaa Eebbifamuu sabaa fi sablamoonni biyyattii hundi bu’aa ifaajee isaanii itti argatan tahuu dubbatan.
Ayyaanni Bara haarayaa nagayaan akka kabajamuuf ajaji qajeelcha waliigalaa poolisii Dirree Dhawaa yakkaa fi hanni magaalattiitti akka hin uumamneef haalduree barbaachisu xumuruu ibsuun hawaasniis qaama nageenyaa waliin tahuudhaan gahee isaanii akka bahatan addeeysan
Qophii Ayyaana bara haaraatiif Hawaasni yeroo nyaata qopheeyfatanitti balaan elektirikaa fi Ibiddaatiif akka hin saaxilamne of eeggannoo gochuu akka qaban himanii kabaja Ayyanichaatiif Richiitii dhukaasuun dhoorkaa akka tahe dubbatan.
Komishinar Alamuun ayyaanichi kan gammachuu akka tahuus Hawwii qaban ibsan.


