Jiilli Kantiibaan Bulchiinsaa Kadiir Juhaariin duurfamu Piroojektootaa Waggoota Shanan darban hojjataman Daawatan.

# DGC Sadaasa 10/2017

Jiilli Kantiibaa Bulchiinsaa Kadiir Juhaariin duurfamu Waggaa 5ffaa hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Piroojektootaa fi Hojiiwan misoomaa Waggoota Shanan darban hojjataman Daawachuun kabajan.

Jiilli kun Piroojektootaa fi Hojiiwan misoomaa daawatan keessaa Istaadiyamii Idil-Adunyaa Dirree Dhawaa, Hojiiwan Riifoormii kan Qajeelcha Waliigala Poolisii Dirree Dhawaa, Hojiiwan misooma Invastimantii kan Dhaabata Akuwaa UNO fi Dhaabata Qindeessaa Konkolaataa AM Mootaris daawwataniiru.

Kurfii kana irratti Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar hirmaatotaa daawwanichaaf haala Adeemsa Ijaarsa Istaadiyamii Idil-Adunyaa Dirree Dhawaa irratti ibsa bal’aa laataniiru.

Hooganaan Biiroo Ga’uumsa Hojii fi Misooma Teknooloojii Obbo Roobeel Geetaachoo akka ibsanitti kaayyoon Daawwannaa kanaa Imala Waggoota shanii kan Paartii Badhaadhinaan milkaa’inoota galmaawanii fi Hojiiwan hojjatamaa jiran irratti hunduu hubatee milkaa’ina imala Badhaadhina biyya keenyaaf shoora Gama isaanii akka gumaachaniif jedhan.

Abdii Adamiin

Suuraa Aganyoo Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *