Gabaasa Raadii hojii kurmaana 1ffaa bara baajataa 2018 dhihaa haa jiruun roga gama Carraa hojii uumuun magaalatti lammiiwan 3,522 Carraan hojii dhaabbataa fi yeroo fi baadiyyaatti lammiiwan 962 Carraan hojii dhaabbataa fi yeroo uumuuf karoorfamee 911 uumuun danda’amuun dhiyaateera.
Bulchiinsatti Hojiileen kurmaana 1ffaa bara baajataa 2018 keessatti hojjetamaa turan Adeemsa gaarii irratti kan argamuu fi hanqinoota seektaraa kurmaana 1ffaa keessatti muulatan immoo kurmaanota bara hojii hafan keessatti dhaabbileen seektaraa magaalaa fi Aanaalee Baadiyyaa bulchiinsaa xiyyeeffannaan latameefii hojjetamuu akka qabu gamaaggama gabaasa raawwii dhiyaaterraa hubachuun danda’ameetii jira.
Qaalayiinsa too’achuuf Koorporeeshinii Hojii Daldalaa waliin ta’uun kurmaana 1ffaa bara bajataatti Zayiitin nyaataa Litiriin 240,000 fi Shukkaariin Kuntaala 1,400 fi Xaafiin Kuntaala 4,500 hawaasaas dhiyeessuu qaalayiinsa jireenyaa tasgabbeessuf hojjatamaa jiraachuuf addeessaa.
Gabaasaa raawwii gamaagama kurmaana 1ffaa kanarratti Hoggantoonni Seektaraa hojiilee akkaa seektarichaatti hojjetamaa turan Gabaasa Raawwii isaanii dhiyeessaniitii jiran.


