Bulchinsatti Hojiileen Hirmaannaafi Fayyadamummaa Dargaggootaa Mirkaneessan Heedduun Hojjetamuun Ibsame.

Manni Marii Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Yaa’ii Idilee Isaaf gamaaggama raawwii Karoora Hojii walakkeessa bara 2017 gaggeesse.

Komishinarri Komishinii Dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Khalid Mohammed waltajjicharratti haasaa taasisaniin keessumattuu dargaggoonni hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachuun beekumsa, humnaafi ogummaa isaanii ummata isaaniifi guddinaafi badhaadhina biyyasaaniitiif akka gumaachan taasisuurratti akkasumas haaluma walfakkaatan dargaggoonni hojiilee misoomaafi siyaas dinagdee bulchinsatti hojjetamaa jiranirraas fayyadamoo akka ta’an gochuuf hojiileen heedduun hojjetamuufi hojjetamaa jiraachuu ibsaniiti jiran.

Komishinii dargaggoofi Ispoortii Bulchinsa Dirree Dhawaatti Daayreetara daayreektoreetii tola-ooltummaa Dargaggootaa Obbo BaharAbdallaa gamasaaniitiin waltajjiin kuni gamaaggama raawwii karoora bara 2017 kurmaana 2ffaa taasisuu bira dabree hirmaannaafi fayyadamummaan dargaggootaa kurmaana 3ffaafi 4ffaa daran cimee akka itti fufu gochuurratti kan xiyyeeffatu ta’uus himaniiti jiran.

Dargaggoonni tajaajila ola ooltummaa keessatti hirmaachuufi hojii misoomaa bulchinsaatti gaggeeffamu tumsuu qofa otuu hintaane hojiileen fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessanis heedduun hojjetamaa jiraachuu pirezidaantiin Mana Mario Dargaggootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Haamid Abdallaaibsaniiti jiran.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa:Mulualem Dassee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *