Bulchinsi Dirree Dhawaa Gabaasa Raawwii Karoora Hojii Dhaabbilee Seektarootaa, Mana Qopheessumaafi Aanaaleefi Kilaastaroota Ji’oottan 9 n Bara 2016 Gamaaggame.

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Waltajjiin Gamaaggama Gabaasa Raawwii Karoora Hojii ji’oottan sagalan dabran bara baajataa 2016 kan Dhaabbilee Seektarootaa Mana Qopheessummaa, Aanaalee Magaalaafi Kilaastaroota Baadiyyaa Gaggeeffame.

Waltajjii Kanarratti Kamishinarri Komishinii Karoorafi Dinagdee Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Haylamaaram Daadhii Gabaasa Raawwii Seektaroota Bulchinsaafi Dhaabbilee Mana Qopheessummaa Magaalaa kan dhiheessan yommuu ta’u, akkaataa gabaasa dhihaate kanaanis, hojiileen dhaabbilee tajaajila hawaasummaa, akkasumas dhaabbilee misoomaafi bulchinsa gaarii seektaroota bulchinsaatti hojjetaman karoora isaaniitiin walbira qabamanii yommuu ilaalaman giddugaleessaan dhibbentaa 90 % ol raawwii kan agarsiisan ta’uu ibsaniiti jiran.

Keessumattuu, Galii bulchinsaa saassabuurratti ji’oottan sagalitti karoora birr.bil. 5.1sassaabuuf qabame birrii. Bil. 4.7 sassaabuun dhibbeentaa 94%% milkeessuu, carraa kojii uumuu dhibbeentaa 100% mirkaneessuu, lafa qonnaa Hektaara 2830misoomsuuf karoorfame Hektaara 2717, dhibbeentaa 95% ol milkeessuun himanii haaluma walfakkatuunis Roga fayyaa, Qonnaa, barnootaa Fayyadamummaa daa’immaniifi dubartootaa, ispoortii, bu’uraalee misoomaa, Ijaarsa daandii, Wabii Midhaan nyaataa mirkaneessuu, Dhiheessa Bishaan dhugaatiirratti, qulqulluufi balfa gatuurratti, Konistiraakshiniifi misooma manneeniifi

Dhiheessaafi To’annoo geejjibaa loojistikiirratti, Nageenyaafi Bulchinsa gaarii mirkaneessuurratti Roga Miidiyaafi komunikeeshinii Komiifi beenyaa kaffaluurratti, Hariiroo biyya alaa Fayyadama teeknoolojiifi fayyadama sooftiweerii ammayyaarratti

Ittisa Sodaa balaarratti , balaa uumamaatiin, weerara dhukkuboota adda addaa ittisuurratti hojiileen hedduu hojjetaman Raawwii gaariirrarratti kan argaman ta’uu gabaasa dhihaaterraa hubachuun danda’ameeti jira.

Waltajjii Gamaaggama gabaasaraawwii ji’oottan sagalan bara 2016 kana kan gaggeessan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Gabaasa dhiyaateratti Gorsitootarraa duubdeebiifi yaanni akka itti kennamuu carraa kan kennan yommuu ta’u, akkuma waliigalaattuu hojiilee tajaajila hawaasummaa ji’oottan saglan darban keessatti milkaa’inoota abdachiisaan jiraachuu kan dubbatan Gorsaan Kantibaa Seektera, Hawaassummaa Obbo Umar Ahmed yaada duubdeebii kennaniin bara kana hojiilee tajaajila hawaasummaa fayyaa, qonnaa, barnootaafi daa’immaniifi dubartootaatiin raawwiin jajjabeessaan heeuun jiraachuu gabaasa dhihaateefi daawwannaan mirkaneeffachuu himanii ciminootnni jiran akka itti fufaniifi hanqinoota fooyya’uu qabanis yaadachiisniiti jiran.

Haaluma walfakkatuunis Gorsa Kantiibaa Seektara Diinagdee Dr. Fiqaaduu Bayyanaa gamasaaniitiin seektaroonni sochii dinagdee galii bulchinsaa guddisuufi qusannoo dinagdee taasisuu qisaasama qabeenya bulchinsaa hambisuurratti sooftiwerrii ammayyaawaa fayyadamuun milkaa’inoota hedduu argamsiisuu himanii karoora waliin yoo ilaalamu hanqinoonni jiran akka fooyya’uu qabanis yaada kennaniiti jiran.

Waltajjicharratti qeeqoofi yaanni gaggeessitoota paartiifi Miseensota kaabineerraa ka’uun ibsiifi yaanni gaggeessitootaa dhaabbilee itti kennamuu mariin bal’aan gaggeeffameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *