Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Bulchiinsa Gaarii Aanaa 08tti raawwii karoora ji’oottan dabran ilaalchisuun daawwannaa Iddoo gaggeesse.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Bulchiinsa Gaarii Mana marii Dirree Dhawaa raawwii karoora ji’oottan dabran kan Aanaa 08 gamaaggamuun, gurmaa’ina nagaa jiraattota waliin qindoominaan hojjachuu, misooma, bulchiinsa gaarii fi keessumattuu damee nageenyaa irratti qindeema uumamuun damee nageenyaa irratti bu’a qabeessa ta’ee hojjechuu akka danda’an hoggantootni Aanichaa koree dhaabbii kanaaf ibsaniiru.

Walitti qabaan Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa, Haqaa fi Bulchiinsa Gaarii Kabajamoo obboo Ahammad Abdallaa jedhanitti raawwii karoora Aanaa 08 gamaaggamuun, jaarmiyaalee dargaggootaa fi jaarmiyaaleen nagaa poolisii hawaasaa fi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun irratti hojjetamaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban, yeroo malee itti fufuu akka qaban ibsaniiru.

Koreen Dhaabbii Tajaajila Aanaa 08 kennuu gamaaggamuun cimina fi dadhibina adda baafamee cimina jiru cimsuun itti fufuu fi hanqinoota adda baafaman furuuf kallattii kaayaniiru.

Hojiin misooma koridoorii kun dargaggoota 08 carraa hojii kan uume ta’uu ibsamuun naannoo sana miidhagsuun hawaasaaf bu’aa akka qabu, hojiin hubannoo uumuus cimee itti fufuu akka qabu eeraniiru.

Walitti qabaan Koree Dhaabbii Haqaa Seeraa fi Bulchiinsa Gaarii Walitt Kabajamoo Ahammad Abdallaaa ja’anitti hojii Godinaa keessatti hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu tahuu ibsuun, dhimmi ijaarsa gamoo waliin walqabatu yeroodhaan akka furamu dubbataniiru.

Raawwii hojii amma hojjechaa jiru irratti gahumsa akka qabaatu fi dhimmoota biroo kenniinsa waraqaa eenyummaa fi dhimmoota hawaasaa biroo deebii barbaadan akka ilaalu kallattii kaa’uun

Madaallii Koreen Dhaabbii Aanaa 8tti gaggeesse keessatti; Ciminoonni adda baafaman cimee kan itti fufan yoo ta’u, koreen dhaabbataa ijaarsa gamoo gaaffii kana qaama dhimmi ilaallatuuf geessuun hordoffii fi deeggarsa barbaachisu godinichaaf kan taasisu ta’uu hoji gaggeessaan olaanaa godinichaa Itti Gaafatamaan Aanaa 08 obbo Abdulaziiz Ammee dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *