Hospitala Waliigalaa Saabbiyaanitti Kutaan Wal’aansa Cimaafi Yaalii Keessoo Eebbifame.

Hospitaala Waliigala Saabbiyaanitti Baasii Birrii Mil. 20 oliin kan ijaarame Kutaan Wal’aansa Cimaafi tajaajila yaalii keessoo bakka Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa, misieensonni Kaabinee bulchinsaa, abbootiin amantaa, ogeeyyiin fayyaafi keessummoonni hedduun argamaniiti eebbifame.

Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar Sagan rich array to argamuun haasaa taasisaniin kutaaleen tajaajila wal’aansaa har’a wal’aanaman kunneen akka biyyaatti imaammatafi tarsimoo foyya’insa damee fayyaa milkeessuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uu ibsan.

Hositaalli Saabbiyaanitti yeroo yerotti tajaajila fayyaa teeknolojii adda addaatiin deeggarame kennuufi wal’aansa qulqullina qabu lammiileef kennuurratti adda durummaan hojjechaa jiraachuu kan reran Obbo Kadiir Juhaar bulchinsi rifoormii hospitaalichatti taasifamaa jiru kan deeggaru ta’uu himanii qaamota milkaa’ina foyya’insa hospitaalichaaf gumaachan galateeffatan.

Hoggantuu Biiroo Fayyaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Dr. Tsiggeeradaa Kiflee gamasaaniitiin mootummaan dhukkuboota ittisuufi tajaajila fayyaa sadarkaasaa eeggate babal’isuurratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuufi keessumattuu buufatoota fayyaa bulchinsatti argaman hedduu gara sadarkaa Hospitaalaatti olguddisuun tajaajila fayyaa baay’ee ammayyaa qulqullinaafi bal’inaan ummataaf kennuurratti deeggarsa adda adda addaa taasisaa jiraachuu eeranii Bulchinsaafi dhaabbilee dhuunfaa kanneen Hospitaalichi tajaajila sadarkaasaa eeggate akka kennuufi tajaajila dhiqaa kaleefi kanneen biroos kennu tumsa taasisan galateeffatan.

Kutaan wal’aansa cimaafi yaalii keessoo har’a eebbifame kutaawwan ciisichaa10fi meeshaalee wal’aansaafi yaalii ammayyaa dhukkuboota daddarboo ittisuuf gargaaran kan guuttataniifi wal’aansa gadifageenyaa kennuuf gahaa ta’uu ibsameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *