Dhibeen Vaayirasiin ‘HIV’ ammaas kanuma durattii sani; Vaayirasii ‘HIV’ dagachuun, vaayirasiin ‘HIV’ nama dagachuu miti!
Waa’ee vaayirasii HIV namni hubannoo hinqabne hangi ta’e jiraachuu mala. Namni tasuma dhageettii hinqabne jira jechuun garuu ulfaataadha. Namni kamuu dhageettiifi hubannoo yoo qabaate, haga fedhes yoo waa’ee vaayirasii kanaa dubbiseera yoo ta’e, vaayirasii HIV jireenya guyyaa guyyaa keessatti haga “hin yaadanetti” homaa waan fayyadu miti, vaayirasichi jireenya isaa guyyaa guyyaan waan nama yaadataa ooluuf!
Haalli amma keessa jirru waan vaayirasiin HIV yeroo ta’e tokko walqunnaamtii saalaa of eeggaannoo hin qabneen daddarbaa ture malee daddarbaa jiru haga fakkaachuu dhiisuutti ga’ee jira.
Dhukkubni HIV/AIDs erga guyyaa qaama dhala namaa keessatti argamee eegalee namoota milyoona 75 ol kan qabatee fi namoota miliyoona 32 ta’an kan lubbuun galaafate dha. Haga xumura bara 2018 akka lakkoofsa warra Awurooppaatti, namoonni miliyoona 38 ta’an vaayirasii HIV kana waliin jiraatu.
Akkuma yeroo mara kaafnu dhukkubni kun jalqaba kan argame biyya guddatte Ameerikaa keessatti haa ta’u malee yeroo ammaa kan inni baay’inaan hubaa jiru biyyoota Afrikaati. Akka dhaabbanni fayyaa addunyaa gabaasetti bakkaa bakkatti argamni dhukkuba HIV garaagarummaa qabaatus biyya afrikaa keessa namoota 25 keessaa namni 1 HIV waliin akka jiraatudha. Kun lakkoofsa baay’ee olka’aa fi sadarkaa sodaachisaa irra jirudha.
Gara biyya keenya Itiyoophiyaatti yoo deebinu, baruma kana jechuun bara 2018 keessa namoonni baay’inaan kuma dhibba torba (7,00,000) ta’an vayirasii HIV kana waliin kan jiraatan yoo ta’u, namoonni kuma digdamii sadii (23,000) ta’an ammoo wagga keessatti dhukkuba kanaan qabamu.
Akka lakkoofsi kun dubbatutti kan waggoota kurnan darbanii irraa haga ta’e hir’atus, vaayirasiin HIV ammallee akka guyyaa guyyaatti namni itti daddarbaa, lubbuu galaafataa, daa’imman haadhaa fi abbaa malee lafa duwwaatti hambisaa ooluun kan dhaabate miti. Vaayirasii HIV kana waliin osoo jiraatanii akka waliin jiran kan hin beekne namoota hedduudha. Kun immoo vaayirasii kana akka ofii qabanuu osoo hin beekiin nama biraatti kan dabarsan hedduu jiraachuu mul’isa.
Bara 2022tti addunyaa guutuutti namoonni miliyoona 39 ta’an HIV dhiiga isaanii keessa kan qabaatan yoo ta’u, namoonni 630,000 ta’an ammoo dhukkuba AIDSiin ni du’u.
Baradhuma kana ragaan akka agarsiisutti namoonni miliyoona 1.3 ta’an HIVn haaraan qabamaniiru (UNAIDS Fact Sheet 2023).
Biyya keenya keessatti tatamsa’inni HIV %0.91 yoo ta’u, kana jechuun namoonni 610,350 ol HIV dhiiga isaanii keessa kan jiran yoo ta’u, namoonni 8,257 haaraa HIVn kan qabaman yoo ta’u, namoonni gara 11,322 tahan sababa AIDSiin ni du’u.
HIV/AIDS maali?
• HIVn vaayirasii sirna ittisa qaamaa namaa laaffisuun AIDS fiduudha.
AIDSn dhukkuba karaa HIV sirni ittisa qaamaa qaama keenyaa dadhabsiisuun dhufudha.
• HIV/AIDS fayyuu hin danda’u; Namni dhuunfaa HIVn qabame kunuunsa fayyaa sirrii yoo hin arganne yeroon darbaa deemuun gara AIDStti guddata.
• Namni HIVn qabame waggoota dheeraaf mallattoo dhukkubaa tokko malee turuu danda’us vaayirasicha namoota birootti dabarsuu danda’a.
• Eedsiin erga guddatee booda qaamni dhukkuba kana ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef namni sun baay’ee dhukkubsata.
HIVn nama irraa gara namatti akkamiin daddarba?
• Walqunnamtii saalaa nageenya hin qabne nama HIVn qabame waliin raawwachuu.
. Vaayirasiin kun yeroo ulfaa, da’umsa ykn harma hoosisu gara daa’ima ykn daa’imaatti daddarbuu danda’a.
. Nama HIVn qabame waliin wantoota qara qaban qooduun (needle, razor…) .
• Dhiiga hin qoratamne argachuu fi tuttuqaa dhiigaatiin
Karaalee HIVn itti hin daddarbne
• Waliin nyaachuu ykn nyaata waliin nyaachuu.
Ilbiisota adda addaa kan bookee buusaa,tiitisa fkkf ciniinuudhaan;
• Wal hammachuu ykn harka wal fuudhuudhaan.
• Mana fincaanii fi dhiqannaa waliin fayyadamuu;
• hafuura baafachuudhaan, qufa’uudhaan ykn haxxiffuudhaan;
• Waliin nyaachisuun ykn bakka hojii tokkotti hojjechuudhaan.
• Meeshaalee nyaataa waliif qooduun.
Wegel Off, [4/25/2024 3:19 PM]
Amaloota HIVf akka saaxilamnu nu taasisan.
• Walqunnamtii saalaa kondomii malee raawwachuu.
Hiriyaa saalqunnamtii tokkoo ol qabaachuu.
• Walqunnamtii saalaa of eeggannoo malee bu’uura godhate fayyadamuu.
• Dhugaatii fi qoricha sammuu hadoochu fayyadamuu.
. Dhiibbaa hiriyaa tiin.
Akkamittan ofii kootii fi namoota biroo HIV irraa eeguu danda’a?
Fuudhaa fi heeruma dura walqunnamtii saalaa irraa of qusachuu.
• Hiriyaa saalqunnamtii tokko murteessuu.
Yeroo hunda fi sirnaan kondomii fayyadamuu.
Qorannoo HIV gochuun bu’aa ofii koo fi hiriyaa saalaa koo beekuu.
Mallattoon dhukkuboota walqunnamtii saalaatiin daddarban (dhangala’aa/madaa/dhiita’uu) yoo mul’ate .
• Wantoota qara qaban (needles, razors fi kkf) waliif qooduun sirnaan baasuu dhiisuu
• Nama HIV dhiiga isaa keessaa qabu yaala farra HIV hordofuu.
•Tajaajila yaalaa fayyadamuun haadha irraa gara daa’imaatti akka hin dabarre.
Tajaajila wal’aansa HIV
• Tajaajilli qorannoo HIV bilisaa ykn gatii xiqqaa hospitaalota, buufata fayyaa, kilinikaa fi dhaabbilee fayyaa miti mootummaa keessatti ni kennama.
• Dhukkuboonni saalaa buufata fayyaa, kilinika, fi hospitaalota keessatti bilisaan ykn baasii xiqqaadhaan yaalamuu danda’u.
• Tajaajilli wal’aansa farra HIV fi ittisa daddarbiinsa haadha irraa gara daa’imaatti bilisaan ykn gatii xiqqaadhaan buufata fayyaa, kilinika fi hospitaalota keessatti ni kennama.
Qorannoo HIV jechuun maali?
• Qorannoo HIV dhiiga keenya keessa jiraachuu fi dhiisuu isaa mirkaneessudha. Bu’aan qorannoo pozaatiivii yoo ta’e dhiiga keenya keessa HIV qabna jechuudha, yoo negaatiivii ta’e immoo HIV dhiiga keenya keessa hin jiru jechuudha. Bu’aan qorannoo HIV negaatiivii ta’e akkaataa ulaagaa madaallii balaatiin irra deebi’amee qoratamuu qaba.
- Faayidaan qorannoo fi wal’aansi HIV maali?
• Bu’aa qorannoo HIV beekuun gara fuulduraatti karoora baasuuf gargaara.
• Dhiiga keessatti HIVn yoo argame wal’aansa eegaluun fayyaa ta’aa.
• Namootni bu’aa qorannoo HIV isaanii beekanii yaala sirrii hordofan, hammi vaayirasii dhiiga isaanii keessa jiru hir’achaa deemuun carraan dhibeewwan wal-qabataniin isaan mudatu xiqqaadha.
• HIVn daa’ima garaa keessa jirutti akka hin daddarbamne gochuun daa’ima fayyaa qabu guddisuun ni danda’ama.
• Bu’aan qorannoo HIV negaatiivii yoo ta’e amala miidhaa geessisu irraa of eeguun jireenya fayya qabeessa jiraachuuf gargaara.


