Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojii tola Ooltummaa ji’oota Bonaan Manneen hawaasa harka qalleeyyiif ijaaraman eebifaman.

Qindeessummaa Komishinii Dargaggoota fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaattiin Dhaabileen Bulchiinsaa qaamo hojii idilee godhachuun hojii tola Ooltummaa ji’oota Bonaa raawachaa turan keessaa tokko Kan ta’e hawaasa harka qalleeyyiif Manneen deegarsaan ijaaraman Guyyaa arraa eebifamaniiru.

Aanaalee Magaalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa kanneen gara garaa keessatti hawaasa harka qalleeyyiif Manneen deegarsaan ijaaramanii Guyyaa arraa eebbifamuun kennaman keessaa Aanaa 04 fi 01 keessatti mannaan ijaaraman eebifamaniiru.

Manneen deegarsaan ijaaramanii Guyyaa arraa eebbifamuun kennaman

Aanaa 04 keessatti jiraatota harka qalleeyyii rakkoo manaa cimaa keessa turan Bulchiinsi Aanaa 04 foo’ee Buufata Poolisii 04 waliin qindoomuun

Manni Hojii tola Ooltummaa ji’oota Bonaan ijaaramaa turan sadi xumuruun hawaasaaf Kennuun danda’amuu Hoji raawachiisaan Obbo Abduljabaar Husseen ibsan.

Sirna eebbaa gaggeefame irratti Koomishinariin Komishinii Dargaggoota fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kaalid Mahamad Akka jedhanitti rakkoo walii qoodachuu fi walgargaaruun Aadaa Biyya teenyaa keessattuu Aadaa Ummanni Magaalaa Dirree Dhawaa ittiin beekamuu fi niis ittiin ibsamu jedhanii bu’ura kallattii Akka Biyyaa fi Bulchiinsa keenyaa Dirree Dhawaatti kaa’ameen Qindeessummaa Komishinii Dargaggoota fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaattiin Dhaabileen Bulchiinsaa Roga hawaasummaan Tajaajila nama fayyaduu irratti xiyyeefatan Kan hojii tola ooltummaan raawatamaa jiran keessaa tokko Hojii tola Ooltummaa ji’oota Bonaan hawaasa rakkoo manaa cimaa keessa jiran gargaaruuf hojii jalqabame kun Kan ji’ootaa qofa osoo hin taane cumee Kan itti fufuu jedhan.

Qajeelcha Poolisii Waliigala Dirree Dhawaatti Ittigaafatamtuu roga Humna Namaa fi misoomaa tan taate Itti Aantuu Koomishinara Wubiit Bafiqaaduu Gama isaanii Akka jedhanitti Poolisiin Nageenya hawaasaa Eeguu cinatti Hojiiwwan faggaattii Adda durummaan ibsan raawachuun fakeenya gaarii dhaabilee baay’eef ta’aa jiraachuu eeranii fuuldurattiis Hojiiwwan jalqabee fi kanneen biroo Kan hawaasa fayyadamoo taasisan raawachuu cimsee Akka itti fufuus addeessan.

Kurfii eebba Manneen Hojii Tola Ooltummaa ji’oota Bonaa kana irratti Komishinii Dargaggoota fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa hawaasa harka qalleeyyii deegarsi ijaarsa Manaa taasifameef kanaaf Deegarsa midhaan nyaataa Zaayitii,Ruuzaa fi Daakuu furnoo ykn Daqiiqaa taasiseera.

Sagantaa kana irratti

Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaatti ittigaafatamaa damee Hariiroo Alaa Injiinar Umar Duwaallee dabalatee gaggeesotni Sadarkaa gara garaa argamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *