Gibira Yeroon Kaffaluudhaan Guddinaafi Badhaadhina Bulchinsaa Gumaachuu Barbaachisa Jedhame.

Abbaan Raayyaa Galiiwwan Bulchinsa Dirree Dhawaa Sosochii Jalqabsiisa Qaraxaa Bara 2017 fi Labsii Galii Federaalaa Lakk. 1395/2017 irratti Hawaasa Daldalaa Waliin Waltajjii Marii Gaggeesse.

Gibirri Misoomaafi Badhaadhina Biyya Tokkoof murteessaa ta’uu kan dubbatan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar waltajjicharratti haasaa taasisaniin keessumattuu galii hawaasa daldalaa Bulchinsaarraa sassaabameen hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu eeranii keessumattuu kafaltoonni gibiraa hundumtuu Guddinaafi Badhaadhina magaalaa Dirree Dhawaatiif gumaacha taasisaa jiran cimsanii akka Itti fufan dhaamaniiti jiran.

Hoji-gaggeessaa Olaanaa Abbaa Taaytaa Galiiwwan Bulchhinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdusalaam Mohammed Akka jedhanitti Abbaan Taaytichaa bara 2017 tti gibiraan walqabatee hojiileen sosochiifi sassaabbii gibiraa hedduun kan hojjetame yommuu ta’a, bara 2018 ttis hojiin hubannoo cimsuu cimee akka Itti fufu hubachiisaniiti jira.

Waltajjii kanarrattis sanadni fooyya’insa labsii gibiraa galii lakk. 1395/2017 irratti qophaa’e dhihaachuun Marion bal’aan taasifamreti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *