Jilli Hooggantoonni ol’aanoo Mootummaa federaalaa fi naannoo irraa dhufan indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa bulchinsa Dirree Dhawaatti argamu daawwatan
Daawwannaa isaanii kanaan dandeettii diinagdee industirii xixiqqaa fi giddu galeessaa bulchiinsa Dirre Dhawaan hundeeffame arguun carraa hojii bal’aa kan uumuu danda’u ta’uu fi xiyyeeffannoo bulchiinsi damee omishaaf kenne, hojii qabatamaan deeggarsa argateera jechuun dubbataniiru..
Itti aanaan Hooganaa Biiroo Daldala, Industirii fi Invastimantii Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Obbo Abdii Muktaar akka ibsanitti, kanaan dura biirochi PETCO Itiyoophiyaa waliin ta’uun dargaggoonni fi dubartoonni damee industirii keessatti hojii abbootii qabeenyaa irraa fayyadamoo akka ta’an taasiseera jechuun dubbataniiru.
Indaastiriiwwan kunneen dorgomtummaa isaanii guddisuuf jijjiirraa teeknooloojii irratti dhaabbilee barnoota olaanoo waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran akkkasumaas,lammiileedhaaf carraa hojii uumuuf jecha barbaachisummaa galtee biyya alaa oomisha biyya keessaatiin bakka buusuufi al-ergii guddisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa babal’isuun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf hojiiwwan bulchiinsaan hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Industiriiwwan xixiqqaa fi giddu galeessaa daawwataman keessaa meeshaalee yaalaa oomishuuf, warshaalee daakuu, oomisha aannan, sibiilota baqsuu, oomisha huccuu, oomisha pilaastikii deebi’ee fayyadamuu fi kanneen biroos daawwataniiru


