Jilli sadarkaa Itti Aanaa Muummicha Ministeeraatti pirezdaantii Paartii Badhaadhinaa biyyaaleeysaafi qindeeysaan jiddu gala ijaarsa sirna dimokraasii Obbo Aadam Faaraah’tiin duurfamu Dirree Dhawaa gale.
Jiila kanaaf sadarkaa Itti Aanaa muummicha ministeraatti Itti aanaa Dura taa’aa Paartii Badhaadhinaa biyyaaleeysaa fi Qindeessaan jiddugala ijaarsa sirna Dimokraasii Obbo Adam Faarahiin durfamu buufata Xayyaaraa Idil Addunyaa Dirree Dhawaa geyu simannaan Oowwaan taasifamee fii jira.
Simannaa kanarratti, Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Pirezdaantii Naannoo Soomaalee Obbo Musxafee Mahammad, itti Aanaa pirezdaantii Naannoo Soomaalee Obbo Ibraahim Usamaan, itti aanaan kantiibaa bulchiinsa Dirree Dhawaa fi hoogganaan biiroo daldala industurii fi invastimantii Obbo Harbii Buuh, hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusuf, Afa yaa’iin mana marii bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Muktaarii fi Itti Aaanuu Afa yaa’ii mana marii bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Kariimaa Alii dabalatee, hooggantoonni Olaanoon Bulchiinsaa gara garaa argamanii jiran.


