Abbaan Taayitaa Galiiwwan Bulchiinsaa Dirree Dhawaa ji’oota sadan darbanitti qarshii biiliyoona 1.7 ol walitti qabuu beeksise.
Daarektarri Daarektoreetii Tajaajila Maamiltootaa Daarektoreetii Barnootaa fi Leenjii Obbo Akliilee Tahaak, abbaan taayitichaa ji’oota sadan darban keessatti Qarshii biiliyoona 2.5 walitti qabuuf karoorfame keessaa Qarshii biiliyoona 1.7 walitti qabuun, kanaanis karooricha dhibbeentaa 85 galmaan ga’uu ibsaniiru.
Bulchiinsi kun teeknooloojiin hojimaata sassaabbii gibiraa ammayyeessuun rakkoo sassaabbii galii sadarkaa hundatti furmaata argachaa akka jirus ibsaniiru.
Gibira yeroon kaffaluun dirqama lammummaa ta’uu ibsuun, kaffaltoonni gibiraa wiirtuuwwan qophaa’anitti dhiyaachuun gibira yeroon kaffaluu akka qaban ibsaniiru.
Labsii gibiraa fooyya’e 1395/2017 keessatti sirni kaffaltii gibiraa gadi aanaa filannoo %2.5 murtaa’uu isaa, akkasumas daldalli maallaqaa birrii kuma 50 ol ta’u gochuun akka hin danda’amne, ummannis kana hubatee hojiirra oolchuu akka qabu Obbo Akliilee ibsaniiru.
Kana malees, sadarkaan kaffaltoota gibiraa, kanaan dura kaffaltoota gibiraa sadarkaa A, B fi C jedhamanii ramadaman, akkaataa labsii gibiraa fooyya’ee lakkoofsa 1395/2017tiin sadarkaa A fi B qofa akka ta’e murtaa’eera.


