Badhaadhina Biyyaa teenyatti Milkeessuu Barbaannuuf Dargaggoonni shoora ol’aanaa iraa akka ergamuu fi dargaggoos
Teeknooloojiin Ga’oomsuun Murteeessaa Ta’uu Komishinarri Komishiinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kaalid Mahammad ibsan.
Guyyaan Dargaggootaa Idil- Addunyaa 21ffaan Mata Duree ”Dargaggoota Teeknooloojiin Gahoomsuun Milkaa’ina Itti Fufiinsa Qabuuf” Jedhuun Dirree Dhawaatti Kabajame irratti omishinarri Komishiinii Dargaggoo Fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kaalid Mahammad Akka addunyaatti yaanni dargaggoota idil-addunyaa ja’u waltajjii yaa’ii dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti bara 1990’oota keeysa dhiyaatee ture.
Yeroo san irraa eegalee biyyoonni miseensa dhaabbata mootummoota gamtooman tahan gahee dargaggoonni misoomaa fi guddina biyyaa keessatti qaban hubachuudhaan dargaggootaaf xiyyeeffannaan akka laatamu taasisuuf guyyaan dargaggootaa idil addunyaa ”August 12” yookaan hagayya 6 bara baraan kabajamaa jira.
Guyyaan dargaggootaa Idil Addunyaa kun bara kanaas akka addunyaatti marsaa 24ffaaf ,akka Itoophiyaatti immoo yeroo 21ffaaf Mata Duree ”Dargaggoota Teeknooloojiin Gahoomsuun Milkaa’ina Itti Fufiinsa Qabuuf” Ja’uun Dirree Dhawaatti Kabajamee Jira.
Kabaja guyyaa kanarratti argamuun haasawa kan taasisan komishiinarri komishiinii dargaggoo fi ispoortii bulchiinsa dirree dhawaa obbo Kaalid Mahammad dargaggootan baga guyyaa kanaan isin gahee erga ja’aniin booda biyya akka Itoophiyaa lakkoofsi ummata isii walakkaa ol dargaggeessa tahe keessatti gaheen dargaggoonni guddinaa fi misooma biyyaa keessatti qaban kan bakka bu’ummaa hin qabne tahuu eeranii , Badhaadhina Hunda Galeessa Akka Biyyaatti Barbaadamu Milkeessuu Keessatti gaheen Dargaggoota Teeknooloojiin Gahoomanii Murteeessaa Tahuu dubbatanii jiran.
Itti dabaluudhaan komishinar kaalid addunyaan dijitaalaa yeroo ammaa keessa jirru carraa hedduu fidee waan dhufeef dargaggoota keenya teeknooloojiin gahoomsuun dandeettii kalaqa isaanii akka gabbifatan taasisuun barbaachisaa tahuu ibsanii, jijjiiramaa akka biyyaatti dhufe keessatti qoonni dargaggoonni qaban ol-aanaadha ja’an.
Akka bulchiinsa Dirree Dhawaattiis jijjiiramaa as xiyyeeffannaa olaanaan dargaggootaaf kenname hojjetamaa jiraachuu kan dubbatan komishinar kaalid dargaggoonni keenya hiree gaarii amma jirutti fayyadamuudhaan misoomaa fi guddina dirree dhawaa keessatti ashaaraa isaanii ka’uu akka qaban dhaamsa dabarsan.
Waajjira kantiibaatti itti gaafatamaan saayinsii fi Teeknooloojii obbo Abdulaziiz Shaafii barruu waltajjii kanarratti dhiheeysan keessatti teeknooloojiin dadhaabbii ilma namaa hir’isee bu’aa gaarii argamsiisuun addunyaa walitti dhiyeessaa kan jiru tahuus, faallaa kanaatiin fedhii dhalli namaa hojjechuudhaaf qabu xiqqeessuun miidhaa dhaqqabsiisaa waan jiruuf dargaggoonni keenya karaa isaan hin miineen itti fayyadamuu akka qaban dubbatan.


