Qormaanni Ministirii Kutaa 6ffaa Bara 2018 Sadarkaa Bulchinsaatti Har’a Kennamuu Jalqabe.

Ogeeyyiin Barnootaa ol’aanoo Yunivarsitii Dirree Dhawaafi Kollejjii Barnoota Barsiisotaa Dirree Dhawaa waliin ta’uun kan qophaa’eefi sirna barnoota haaraatiin yeroo lammaffaaf kan kennamu qormaanni kutaa 6ffaa bulchinsatti barattoota kuma 8fi 100 ol qormaaticha fudhachaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii Ibsaniiti jiran.

Meeshaaleen Qqormaata Kutaa 6ffaa kennuuf barbaachisan hundumtuu dursee qophaa’uufi barsiisotaafis gahumsa barbaacjisu gonfachiisuufi hanna qormaataa hambisuuf hojileen hedduun hojjetamaa turuufi akkasumas haaldureewwan barbaachisan hundumtuu qohii ta’uu Obbo Sulxaan ibsaniiti jiran.

Dubartoota barumsaan ga’uumsuudhaan walqabatee waggoottan darban keessa hojiileen jajjabeessan hojjetamuu kan eeran Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abubakar Addoosh qormaata bulchinsaa ministirii Kutaa 6ffaa kana barattoota kuma 8fi 115 keessaa Barattoonni Kuma 3fi 792 barattoota shamarranii ta’uu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *