Mana Kitaabaa Immirtaaf Sagantaan Jalqabsiisa Galteewwan Walitti Sassaabuu Gaggeeffame.

Gurgurtaa Kitaabota Ida’amuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahmed Bulchinsaaf Gumachanirraa argameefi Deeggarsa Bulchinsaatiin kan Ijaarame Mana Kitaabaa Ammayyaa Immirtaatiif sagantaan jalqabsiisa meeshaalee galtee walitti sassaabuu Bulchinsa Dirree Dhawaatti gaggeeffameeti jira.

Saganticharratti kan argaman Bakka Bu’aan Kabajamoo Kantibaa Bulchinsa Dirree Dahawaa Obbo Kadiir Juhaarfi Hogganaan Waajjira Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Gabayyoo Xilahun dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa akkasumas dhalattootaafi jaalattoonni Dirree Dhawaa biyya keessaafi Alaa hunduu meeshaalee mana kitaabichaaf galtee ta’an gumaachuudhaan tumsa akka taasisan waamicha dabarsaniiti jiran.

Hogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Wandoosan Abbaay gamasaaniitiin manni kitaabichaa baasii Birrii Mil.475 oliin ji’oottan 18 keessatti ijaaramuuf karoorfamee jiji’oottan 5 dursee xumuramuu ibsan.

Galmeessaa manneen kitaabaa Obbo Israa’el Bazzuu mana kitaabichaa sirritti gurmeessuuf deeggarsi cimee ittifufuu akka qabu ibsan.

Manni kitaabichaa akka Itoophiyaati sadarkaasaa eeggachuun manneen kitaabaa naannoolee biroof adda duree ta’uu kan eeran Bakka Bu’aan Mana Kitaabaa Abrihoot mana kitaabichaaf meeshaaleefi kitaabban qofa gumaachuu otuu hintaane beekumsaafi muuxannoodhaanifi kitaabban gurmeessuurratti akka tumsan waadaa galani.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *