Jilli Hoggantoota Manneen Murtii Naannoo Hararii Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Hararii Obbo Maahir Abdusamadin Durfamu Hojmaatawwan, ijaarsaafi Haaromsa Mana Murtii Jalqabaafi Oliyyannaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti gaggeeffamaa jiru daawwate.
Tajaajila Murtii Seeraafi Haqaa Fooddaa tokkoo hojiirra oolchaa jiraachuu kan eeran Pirezidaantii Mana Murtii Jalqabaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Mohammed jilicha yommuu daawwachiisan ibsa yommuu taasisanitti hojiin “smart Court’ Uumuu kuni kallattiifi deeggarsa baasii Bulchinsi Dirree Dhawaa Kabajamoo Kantibaa Obbo Kadiir Juhaariin durfamu Magaalaa Dirree Dhawaa “Smart City” gochuuf hojechaa jiru keessaa tokko ta’uu eeranii akkaataa Fooddaa tokkoon tajaajila kennuufi Hojmaata maanuwaalii tajaajilamtoota burjaajeessuufi araraasu hambisuun Hojmaata iftoominafi qulqullina qabuun tajaajila murtii si’ataafi hatattamaa kennuuf sooftiweerii ammayaafi dijitaalaa diriisuurra jiraachuu ibsan.
Obbo Abdi itti dabaluudhaanis akkaataa murtii Seeraa imsaarti gochuu qofa otuu hintaane, odeeffannoowwan dhaddacha seeraa haala salphaafi qisaasama yeroo hambisuufi ragaaleen akka hindhokanneefi tuttuqaa namootaafi loogiirraa bilisa ta’een kaa’uuf kan gargaaru ta’uuf piroojektichi xumuramaa kan jiruufi ji’oottan afur booda guutumaa guututti hojii kan jalqabu ta’uu dubbatanii Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaafi Kaabinee Bulchinsaa ijaarsa pirojektichaatiif deeggarsa baasii gorsa ogummaa teeknakaa taasisaniif galateeffatan.
Piroojektii “Sooft valuefi infrastructure” kana hojjetaa kan jiru dhaabbanni teeknolojii “Sky Link” jedhamu yommuu ta’u Hogganaan Dhaabbatichaa Injinar Mohammed Kiyar Mohammed sooftiweerichi teeknoolojiiwwan ammayyaa haarawa waggoottan 30n dhufan keessatti hundeeffamuu malan hunda waliin haaromsaan maletti hojjechuu akka danda’utti diriirfamaa jiraachuufi hojimaata Mana murtii teeknolojiiwwan haaraan deeggaraman “smart court” hojiirra oolchurratti Dhaabbata “Insaafi Artificial Intelligence (AI)” waliin qindoominaan kan hojjetuufi negeenyaa magaalattii kan gumaachuufi Daayreektoreetii Innooveshinii Bulchinsa Dirree Dhawaa waliin ta’uun dhaabbilee bulchinsaa biroo keessattis kan hojjetamuuf jiru ta’uu ibsan.
Waajjira Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaatti Daayreekatara Daayreektoreetii Innooveeshinii Bulchinsa Dirree Dhawaa kan ta’an Injinar Abdulaziiz Shaafii Bulchinsi Dirree Dhawaa “Smart” gochuurratti xiyyeeffannaa olaanaan kan hojjechaa jiru ta’uu eeranii pirojektiin hojii softiweerii Mana murtii Jalqabaa Dirree Dhawaatti hojjetamaa jiru kenna tajaajila saffisiisuufi Ammayyeessuu bira dabree dhibaa’ummaa murtee kennamuufi araraafama hawaasni murtee seeraa argachuu keessatti mudatu hambisuuf akka ta’e ibsaniiti jiran.
Jilicha Kan dursan Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Hararii Obbo Maahir Abdusamad, kaayyoon daawwannaa kanaa tajaajila Mana Murtii Fooddaa Tokkoo hojiirra oolchuuf manneen Murtii ICT n deeggaramuun kenna tajaajila murtii ammayeessuufi fooyyeessuuf manneen murtii Bulchinsa waliin muuxannoo waljijjiiruuf ta’uu eeranii daawwannaa Mana Murtii Jalqabaa Dirree Dhawaatti guyyaa kana taasisaniinis Hojiilee akkaataa Kenninsa tajaajila murtii seeraa baay’ee si’ataafi saffisaa kennuuf piroojektii kana diriisuuf yeroo gabaabaa fudhachuufi bulchinsimmoo baasii ramaduun deeggarsa gochuun tumsuu kan dinqisiifatan yommuu ta’uu miseensonni jilichaa biroos hojiileen Hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uufi piroojektichi Manneen Murtii Naannoo Harariitti akka hojjetamu fedhii qabaachuu dubbatan.
Jila kana keessatti Pirezidaantii Itti Aantuu Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Hararii Aadde Aashaa Amiinee, Pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Naannoo Hararii Obbo Musxafaa Suleeyman,Pirezidaantii Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Aadde Ooriit Toofiq, dabalatee hoggantoonni Manneen Murtii Naannichaa hedduun argamaniiti jiran.
Iliyaas Aammeetiin
Suuraa: Salaam Abbabaa


