#DGC Guraandhala29/2017
Dorgommiin Ispoortii Barattootaa Waggaa 2017 Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi Sadarkaa Lammaffaa Mootummaa fi Dhuunfaa Har’a Istaadiyeemii Idil Addunyaa Dirree Dhawaatti jalqabameera.
Kaayyoon Dorgommii Ispoortii kanaa barnoota qulqullina qabu lammii hundaan ga’uu galma godhachuun lammii ispoortiin badhaadhe oomishuun murteessaadha jedhuun.
Sagantaadhuma kanarratti Hooganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Diiree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii akka jedhanitti, dorgommiin ispoortii barattoota manneen barnootaa kun Hariiroo gaarii tokkummaa fi jalaalaa manneen barnootaa jidduutti Akka uumuuf qofa osoo hin taane, barattoonni qaama fayyaa fi sammuu qaroo akka horatan irratti dhiibbaa guddaa horatu tahuu dubbataniru.
Komishinariin Komishinii Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kaalid Mahaammad Gama isaaniin Akka jedhanitti dorgommiin ispoortii waggaa waggaan manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa 2ffaa gidduutti gaggeeffamu irratti dorgommiin ispoortii gosa 8 saala lamaaniif akka gaggeeffamu ibsuun, barattoonni dorgommii ispoortii irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabanis asumaan ibsaniiru.
Muktar Ahmediin
Suuraa:- naatan shawangizow


