Guyyaa Cichoominaa Jedhamuun kan kabajamaa jiru Ayyaanni Qaammee 1 Bulchinsaa Dirree Dhawaatti bifa Miidhagaan Kabajamee Oole.
Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar Saganticharratti argamuun Ergaa baga geessanii yommuu dabarsanitti Itoophiyaa daandii Ofii hordofuun imala guddinaafi misoomaa isii mirkaneeffachaa jiraachuu eeranii akka addunyaattis dinagdeefi birmadummaa isii eeggachuudhaan seenaa addaa galmeessuu jiraachuu ibsan.
Kabaja ayyaana Qaammee 1 dhaadannoo garagaraatiin kabajamaa jiru kanarratti Kabajamoo Kantibaa Bulchinsaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dabalatee Aanga’oonni olaanoon bulchinsaa, Aktivistootaafi ambaasaaddaroonni Hidha Haaroomsaa Abbaay Sheekh Jamaal Abdunaasirfi Mohammed Alii Aaruusii , Abbootii Amantaa, Abbootii Gadaa, Ugaazonnifi Ajajoonnifi Miseensonni Raayyaa ittisaafi qaamoonni nageenyaa jiraattoonni bulchinsaafi keessummoonni hedduun hirmaataniiti jiran.
Waggoottan darban keessatti dhiibbaa dinagdeefi dippilomaasii keessafi Alan nurratti godhamaa jiraniif otuu hinjilbiibeeffatin hogganummaa bilchinaa Kabajamoo Ministira Muummaa Dr Abiyyi Ahmadiin injifannoo olaannaan irra aanuus Obbo Kadiir Juhaar Dubbataniiti jiran.
Dhiibbaan Ergamtootaafi Diinota Keessaafi alaa waldhabdee siyaasaa keessoo keenyaa daheeffachuun nurratti aggaamamaa ture, ijaarsa nageenyaafi tasgabbii Cichoomina uumameen otuu hinmilkaa’in hafee injifannoowwan hedduu galmeessuu danda’uu kan human Obbo Kadiir Juhaar biyyattiin karra galaanaa akka qabaattu gochuu keessatti tarkaanfiileefi imala jalqabde akka milkeessitu hundumtuu Cichoomina an tumsuu akka qabus waamicha dabarsaniiti jiran.


