Dhaabanni Waldaya Aksiyoonaa Maayikiroo Faayinaansii Dirree roga Carraa hojii Uumuu irratti Hojiiwwan raawate irratti Mariin geggeefame.

Dhaabanni Waldaya Aksiyoonaa Maayikiroo Faayinaansii Dirree Bulchiinsatti roga Carraa hojii Uumuun Hojiiwwan raawate irratti Gaggeesota Ol’aanoo Bulchiinsa Dirree Dhawaattii fi Abbootii qabeenyaa waliin Haala ittiin dhaabatichaa cimsanii deegaruudhaan Carraa hojii Uumuu hoji-dhabdoota baay’eef Uumuun danda’amu irratti Mariin geggeefame.

Waltajjii Marii kana irratti argamuun Ergaa kan dabarsa Kaantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Walitti qabaan Boordii Dhaabata Maayikiroo Faayinaansii Dirree Kabajamoo Obbo Kadiir Juhaar Akka jedhanitti Dhaabanni Maayikiroo Faayinaansii Dirree dhaabbata Tajaajila Qusaa fi Liqaa Jiraatota Magaalaa Dirree Dhawaa bira darbee hanga Kilaastaroota Baadiyaa Bulchiinsaatti kennuun Hawaasa Bulchiinsaa gama Tajaajila Faayinaansiin tumsa Ol’aanaa taasisaa jiru kana deegaruun Dargagootaa fi qaamoleen Hawaasa gara garaa hojii dhabdummaa keessaa baasuun lammiiwwan mara Keessattuu Dargagoota Carraan hojii Uumuufiin fayyadamtummaa isaanii guddisuun Dargagootniniis Nageenya, Guddinaa fi misooma Dirree Dhawaatiif shoora gama isaanii Akka gumaachan kan taasisu ta’uu hubachuun Abbootiin qabeenyaa fi Dhaabileen Bulchiinsaa Dirree Dhawaatti socho’an tumsaa fi deegarsa Keessattuu Dhaabanni Maayikiroo Faayinaansii Dirree Tajaajiloota laatutti fayyadamuun dhaabatichaaf tumsuu fi deegaruu qabnaa jechuun Dhaamsa dabarsan.

Hoji-geggeessaa Dhaabata Waldaya Aksiyoonaa Maayikiroo Faayinaansii Dirree Tashooma Ababaa Waltajjii Marii kana irratti Dhaabatni Maayikiroo Faayinaansii Dirree Erga bara 1986 Kaapitaala Birrii Miiliyoonaa fi kum Dhiibbaan hojii jalqabuu fi yeroo ammaas Kaapitaala Birrii Biiliyoonaa 2.1 oliin ga’uun danda’uu isaa himanii Dhiibbatichi Tajaajiloota Akaakuu gara garaa Akka laatuu fi Dirree Dhawaatiin ala Magaalaa Hararii fi Jigjigattiis Waajjira banachuun Tajaajiloota laachaa jiraachuu ibsan.

Hirmaatonniniis yaada laataniin

dhaabatichaaf tumsuu fi deegarsa gama isaanii taasisuuf Fedhii qabaachuu addeessan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *