Dirree Dhawaatti Hojmaata Sagantaa irratti hundaa’ee bara Bajata 2018 Sagantaa yaalii jalqabuuf Leenjiin hubannoo Uumuu kenname.

Ministeerri Maalaqaa Kan MFDRI fi Biiroon Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa waliin ta’uun Sagantaa Bajataa irratti Waltajjii hubannoo fi Sagantaa yaalii jalqabuuf Leenjiin hubannoo Uumuu kenname.

Waltajjii hubannoo Uumuu kana irratti haasaa Kan taasisan Hoogantuun Biiroon Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Muluukaa Mahamad akka Dhaabilee 13 irratti Hojmaata Sagantaa irratti hundaa’ee bara Bajata 2018 Sagantaa yaalii jalqabuuf Kurfiin haal-duree xumuramuu eeranii

Milkaa’ina sagantichaaf kutannoon hojiitti seenuun bu’aa barbaadamu fiduuf shoorri qaba ol’aanaadha jedhan.

Waltajjiin hubannoo kana irratti Hoogantoonni Ol’aanoon Dhaabilee fi Aanaalee Magaalaa Bulchiinsaa hirmaataniiru.

Kana keessaas, Rifoormiin Sirna Bulchiinsa Bajataafi Faayinaansii isa tokkodha. Kanaaf, kun akkuma biyyaatti gama Ministeera Maallaqaatiin geggeeffamaa tureera.

Biiroon Maallaqaa fi Dinagdee Bulchiinsaa muuxannoo kana fudhachuun naannichatti hojiirra oolchuuf rifoormiin Bulchiinsa Bajataafi Faayinaansii hojjetamaa tureera jechuun Hoogantuun Biiroon Misooma Maalaqaa fi Dinagdee Bulchiinsa Dirree Dhawaa Adde Muluukaan himan.

Biirichi sagantaa kana jalqabsiisuuf ogeessonni leenjii fudhataniiru; Ministeerri Maallaqaas nu deggeruuf qophiidha jedhan.

Bajanni sagantaarratti hundaa’e naannichatti hojiirra oolchuuf guyyaa har’aa eegalchiifame kunis, qaama rifoormii kanaa ta’uu dubbataniiru.

Ramaddii baajataa gosoota meeshaaleefi galtee ta’an kanneen akka mindaa, meeshaaleefi tajaajilaatiif ramadamaa turan gara agarsiiftota safaramuu danda’aniifi bu’aa eegamutti geessanitti fayyadamuun ramaduu kan kaayyeffateedhas jedhan.

Karoora bajataa waggoota sadan dhufanii ammumurraan qopheessuu, ammumarra eegalee hoggansi sagantaafi bu’aa sagantaasaa adda baasuun beekuu qaba, Nama gahumsa olaanaa qabu qabaachuu barbaachisa, garee cimaan kutaa karooraa deggeru uumuu, bajata akkaataa sagantaan shaakaluun har’uma jalqabuu qabduu jedhan.

Bajanni Sagantaarratti hundaa’e kun jalqabamuunsaa bu’aa barbaadamu fiduuf baay’ee murteessaa ta’uu kaasaniiru. Keessumaa, sagantaa dursi kennamuufii qabuuf dursa kennanii hojjechuufi Sirna itti gaafatamummaa mirkaneessuufis baay’ee gaarii ta’uu eeraniiru.Qophiifi kutannoo hoggansa cimaa kan gaafatuudhs jedhaniiru.

Abdii Adamiin

Suuraa Muluwaalam Dasee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *