Jiilli Kaantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir juhaariin duurfamu Ji’oota lamaan duratti Mana Barumsa Yaadannoo Dr. Kabajaa Aartiist Alii Birraa Hojiin babal’isuu fi ammayoomsuu Abbaan Qabeenyaa kan ND Invastimantii Giruupii kan ta’e Injiinar Nagaraa Dhugumaatiin jalqabame Sadarkaa Irra jiru Jiilli Kaantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaarii fi Ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhina damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahim Yuusufii fi hoogantoota Sadarkaa gara garaa hammatee daawateera.
Kurfii daawannaa kana irratti Kaantiibaan Bulchiinsaa Obbo Kadiir juhaar Akka jedhanitti Mana Barnoota Yaadannoo Dr. Kabajaa Aartiist Alii Birraa Obboleessi Keenya Abbaan qabeenyaa Injiinar Nagaraa Dhugumaa ji’oota lama dura bu’ura wa’adaa Galteen yeroo gabaabaa kana keessatti Sadarkaa kana irraan ga’uun isaa kan dinqisiifatanii fi kan valateefamuu qabuu jedhanii Mana Barnootaa kana gara Mana Barnoota Bultii addaatti ceesisuuf Hojiiwwan haalduree Raawatamaa jiraachuun ibsame.
Gareen Invastimantii ND kan Abbaa qabeenyaa Injiinar Nagaraa Dhugumaa gama isaaniin Mana Barnoota Yaadannoo Dr. Kabajaa Aartiist Alii Birraa kana ji’ootaan dura Kurfii Yaadannoo Waggaa 1ffaa Dr. Kabajaa Aartiist Alii Birraa irratti hirmaachuuf akkuma dhufneen Manni Barnootaa kun rakkoo hanqina daree fi ammayoomuu dhabuu qabu ilaallee hojii Mana barnootaa kana babal’isuu fi ammayoomsuuf dhagaan bu’uraa kaa’uun jalqabne yeroo ammaa Gamoolee daree Barnoota dabalataan fi Tajaajila baay’ee laatan ijaaruu Sadarkaa Goolabbuu irraan ga’uu keenyaan cinatti Shariikonni Koo kanneen Biyyoota Alaa Adda addaa jiraatan Mana Barnoota kana Saatalaayitiin kan deegaramee Manneen Bultii addaa Oromiyaatiin Walitti hidhuuf hojiiwan gara garaa kessattuu bittaan Saatalaatiiwanii raawatamee hojii garanatti fiduu geggeessaa jiraachuus ibsan.
Hojiin ijaarsa babal’isaa fi ammayoomsa Mana barnootaa Yaadannoo Dr. Kabajaa Aartiist Alii Birraa yeroo ammaa goolabamaati jiran.


