Bulchinsatti Tajaajilli Saffisaafi Si’ataa Lammiileef Kennamaa Jiraachuun Insame.

Hojmaata Teeknolojii ammayyaan deeggarame diriirsuudhaan tajaajilli saffisaafi si’ataa ummataaf kennamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Misooma Human Namaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Hayer Haajinuur Beeksisan.

Obbo Hayer raawwii Karoora hojii Guyyoota 100 ilaalchisuun hojiilee Biiroo Pablika Sarvisii Bulchinsa Dirree Dhawaatiin hojjetamanirratti hojii rifoormii dhaabbilee bulchinsaa lafa qabachiisuu fi kenninsa tajaajilaa ammayyeessuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Biirichi guyyoota 100 kana keessatti kenninsa tajaajilaa foyyeessuuf dandeettii hojjettoota mootummaa cimsuudhaan fi araraafamaafi deddeebii beellamaa tajaajilamtootaa hambisuuf giddugala tajaajilaa fooddaa tokkoo “Dirree Masoob” hojii jalqabsiisuu danda’uu Obbo Hayer ibsaniiti jiran.

Haaluma kanaanis dhaabbileen bulchinsaa 10 ta’an tajajiloota 72 kanneen maanuwaalaan kennamaa ture guutumaa guututti ammayyeessuudhaan teeknolojiin gargaaramuun tajaajilamtoonni tajaajila “Online” danda’uu ibsaniiti jiran.

Haaluma kanaan giddugalichatti tajaajiloonni kuma 12 fi 730 kennamuufi tajaajiloonni 32 ta’animmoo giddugalichatti dhufuun kan keessummeeffaman ta’uu Obbo Hayer dubbatan.

Karoora guyyoota 100 kana keessatti hojjettoota dhaabbilee bulchinsaa giddugalichatti tajaajila kennuuf seen an 250 ta’aniif leenjiin ijaarsa dandeettii kennamuus ibsaniiti jiran.

Leenjii 5M Kooders akka fudhatan hojjettootaaf haala miijessuurrattis akka Bulchinsatti hojjettoonni kuma3fi 380 leenjicha akka fudhatan gochuuf karoorsuufi namoonni kuma 1 fi 686 leejicha fudhachuu ibsaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *