Abjuufi Fedhii Diinonni Nageenya Bulchinsaafi Naannichaa Booressuuf Ka’e Fashaleessuun Nageenya Bulchinsaafi Gootummaafi Gahumsaan Eegsisan Galateeffachuu Barbaachisa.

Kabajamoo Kantibaa Kadiir Juhaar.

Sagantaan Beekamtiifi Galateeffannaa Bulchinsi Dirree Dhawaa Gootata Gaggeessitoota Nageenya Naannichaa Eegsisuuf Dirqamaafi Ergama Isaanii Gootummaafi Gahumsaan Bahataniifi Dhaabbileefi Qaamota Tumsa Taasisaniif Qopheesse Yeroo Ammaa Kana Haala Miidhagina Qabuun Gaggeeffame.

Dhiheenyatti Humni Shoorarkeessaa ABO Shanee Bulchinsa Dirree Dhawaafi Naannoolee Olaarratti Gocha Shoororkeessummaafi Nagaa Booreessuu gaggeesuu hordofee Humni nageenyaa waloo Bahaa Tarkaafii cimaa fudhachuun humna kana guutumaa guututti barbadeessuun niyaadatama.

Haaluma kanaan gootota gaggeessitootaafi Qaamota Nageenyaa gootummaadhaan humna badii balleessuurratti gahumsaan hirmaataniif bulchinisi sagantaa beekamtiifi, galateeffannaa qopheesseeti jira.

Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Kabajoo Kantibaa Bulchinsaafi Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar qaamota nageenyaa dirqamaafi ergama nageenya Bulchinsaa eeguufi eegsisuurratti Gootummaafi Gahumsaan hojiisaanii hojjetanfi kanneen tumsa olaanaa taasisaniif beekamtii kennuufi galateeffachuu Barbaachisa jedhan.

Bulchinsi Tarkaanfii qindaawaa Humni Nageenyaa Waloo Bahaa Humnoota farra-nageenyaafi farra-misoomaa kamiyyuurratti fudhatuu kan jajjabeessuufi gootota Lubbuusaanii nageenya Naannichaa eegsisuufi lubbuu laiileef gatii kaffalaniif kabaja guddaa qaba jedha Obbo Kadiir Juhaar.

Hogganaa Biiroo Dhimmoota Haqaa Nageeyaafi Tasgabbii bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdusalaam Mohammed gamasaaniitiin Bulchinsi Dirree Dhawaa waggoottan jijjiirama dabran kana keessatti nageenya Naannichaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jiraachuu eeranii, guyyaa kanattis gootota nageenyaa kanneen Bulchinsaafi nageenyi waaraan uumamuudhaan naannoo biroof fakkeenya akka ta’uufi obbolummaanifi waliin jireenyi ummataa akka Itti fufu taasisaniif kabaja isaaniin mala jedhaniiru.

Sagantaa kanarratti gaggeessitoota dhaabbilee Nageenyaa Naannichaa mirkaneessuurratti hojii gootummaa hojjetaniif badhaasni garaagaraa krnnameeti jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *