Dirree Dhawaatti Barnoota Qulqulinaa fi haqaan waliin ga’uuf hojiiwwan hojjatamaniin bu’aan jajjabeessan argamuu fi hojiiwwan jalqqbamaniis cimanii kan itti fufan taachaas Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar addeessan.
yaa’iin Barnootaa 33ffaan sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa gaggeefameera.
Tattaaffii Ol’aanaan; Qulqullina Barnootaaf mata-duree jedhuun yaa’iin Barnootaa 33ffaa Gaggeefame irratti damee barnootaan bu’aa ol’aanaa argameef Qaamolee shoora gumaachan dhaabilee, Deeggartoota damee barnootaa, Barsiisota, Manneen Barnootaa fi Maatiif beekamtii fi badhaasni kennameera.
Dabalataanis Qormaata sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaatti kenname kan Kutaa 6ffaa fi 8ffaa akkasumaas Qormaata sadarkaa Biyyaalessaa kan Kutaa 12ffaa bu’aa fooyya’aa Baratoota galmeessaniif beekamtii fi badhaasni kennameera.
Hoogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Sulxaan Aliyyii gama isaaniin bara Barnootaa xumurame damee barnootaa hojii Dijitaal Teknooloojiin deegarame ballinaan hojiirra oolchuun bara itti hojjatamaa turee fi hojiin Mana Kitaabaa fi Jidugala shaakala yaalii haqaan waliin ga’uuf bal’inaan hojjatamaa ture jedhanii hojii kana waliin ta’uudhaan lammiiwwan ga’uumsa qabu baay’inaan horachuuf hojiiwwan jalqabaman cimanii akka ittifufaniis eeran.
Beekumsa Dhaloota kana Kalaqaa fi Qorannoof kakaasuu fi dandeettii gonfachiisuuf hojiin Qindoominaa fi Duraa duuba eeggate kennuun jalqabamuu fi keessattuu damee barnoota Saayinsii fi Herregaa akkasumaas
Teknooloojiin deegarame ballinaan hojiirra oolfamaa jiraachuus Obbo Sulxaan addeessan.
Yaa’ii Barnootaa 33ffaan sadarkaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa gaggeefame irratti Hoogantoonni Ol’aanoon Bulchiinsaa dabalatee qaamoleen ga’ee hirmaataniiru.


