“Kana Booda Hirriiba Malee Buluun Narraa Hafee; Nagaan Rafee Buluu Kooti”

Maatii Harka qalleeyyii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Ijaarameef

Bulchinsa Dirree Dhawaatti Manneen harkaqalleeyyii Aanaalee 02, 05 fi 08 Itti hojiilee tola-ooltummaa ji’oottan gannaa baranaatiin ijaaraman 14 bakka Kabajamoo Kantibaa Itti Aanaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuh fi Afayaa’ii Itti Aantuu Mana Marii Bulchinsaa Dirree Dhawaa Aadde Kariimaa Alii argamaniiti eebbifamuun fayyadamtootaaf furtuun kenname.

Guyyaa kanatti manni ijaaramee Furtuun kan kennameef keessaa tokko kan ta’an haati ilmaan Lamaa Aadde Alan Magarsaa manni kanaan dura keessa turan kan baay’ee diigame ta’uusaatiin roobaafi caama rakkachaa jiraachuufi hirriiba males bulaa turuun rakkoolee hedduun irra gahaa turuu dubbatanii manager har’a ijaarameefitti gammachuu guddaa qabaachuudhaafi yaadoo tokkoon maletti rafanii buluu danda’uu ibsan.

Haaluma walfakkaatuunis namoonni guyyaa kana furtuu mana haaraa yommuu fudhatanitti rakkoolee hedduu manneen dulloomaa durii keessatti isaan waliin turerraa ba’uun manager haaraa ijaarameefitti gammachuu qaban eeranii kanaafis bulchinsaa Dirree Dhawaa galateeffataniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *