Qindoomina Gaggeessaa Cimaa, Jaarmayaalee Hawaasaafi Qaamota Nageenyaatiin Hojiilee Milkaa’oo Hojjechuu Danda’uun Ibsame.

Manni Marii Nageenyaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Yaa’ii Idilee 2ffaafi Konfaransii Nageenyaa Gaggeesse.

Kabajamaa Kantibaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar waltajjicha yommuu haasaan bananitti jalqaba hundeeffama Mootummaa ida’amuurraa jalqabee Dirree Dhawaa Nageenyaa waaraan kan Itti mirkanaa’e , jireenyaaf miijattuu, invastimantiif filatamtuu taasisuu tumsi qaamota dhimmi ilaallatu hundumaa iddoo Guddaa kan Qabu eeranii, Qindoomina Gaggeessaa Cimaa, Jaarmayaalee Hawaasaafi Qaamota Nageenyaatiin Hojiilee Milkaa’oo Hojjechuu Danda’uun Ibsan.

Qaamonni Nageeyni Bulchinsatti uumame kuni isaaniitti hintolleefi kanneen imalli badhaadhinaa ariifachiisaan kuni hirriiba dhoorga hinjiru jechuun hindanda’amu kan jedhan Kabajamoo Kantibaa Kadiir nageenya bulchinsaa eeguuf Itti fufsiisuudhaaf hirmaannaafi tumsa nama hundaa kan barbaachisu ta’uu dubbataniiti jiran.

Hogganaa Biiroo dhimmoota haqaa, nageenyaafi seeraa Bulchinsatti Dirree Dhawaa Obbo Abdulsalaam Mohammed gamasaaniitiin erga manni Marii nageenyaa bulchinsaa hundeeffamteefi jalqabee hojiileen nageenya naannichaa eegsisuu boonsaan hojjetamaa eeranii fuulduraafis biirichi koree nageenyaa cimsuudhaaf deeggarsa barbaachisu gochuu cimsee kan Itti fufu ta’uu dubbatan.

Waltajjicharratti gabaasni raawwii karoora Hojii bars 2018 kan ji’oottan 6n dabraniifi sandni qorannoo seenaa dhimma Karra galaana Diimaa dhihaachuun kan irratti mari’atame yommuu ta’u, Afayaa’ii Mana Marii Bulchinsatti Dirree Dhawaa Kab. Obbo Abdii Muktaar dabalatee aanga’oonni olaanoon bulchinsaa, abbootiin Amantaa jaarsoliin biyyaa Abbootiin Gadaa, Ugaazonni Sulxaanonni, gaggeessitoonnifi miseensonni koree nageenyaa hedduun argamaniiti jiran.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *