Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsa Baasii Mootummaa Hojii Adeemsisaa Magaalaa fi dhaabbilee isaa jala jiran irratti Daawwannaa iddoo gaggeessee.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsa Baasii Mootummaa Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa iddoowwan kuusaa Ejensii Qulqullinaa fi Miidhaginaa hoji adeemsisaa Magaalaa, Dhaabbata Tajaajila Mana Qalmaa, fi Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii irratti Daawwannaa iddoo gaggeesseera.

Wwalitti qabduun Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsa Baasii Mootummaa Kabajamtuu Aadde Tokkummaa Hayiluun durfamu, bakkeewwan kuusaa Ejensii Qulqullinaa fi Miidhaginaa,Hojii Adeemsisaa Magaalaa, Dhaabbata Tajaajila Mana Qalmaa, fi Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii jijjiirama keessa akka jiran ilaaluun, yaada kanaan dura kenname irratti hundaa’uun hojiiwwan hojjetaman akka jiran dubbataniiru.

Hogganaantoonni Magaalaa Dirree Dhawaa fi dhaabbileen itti gaafatamummaa qaban pirojektoota misooma koridoorii bal’aa irratti hojjechaa kan jiran yoo ta’u, manneen kuusaa keessa meeshaaleen deebi’anii itti fayyadamuu danda’an akka jiran hubachiisuun meeshaalee yeroo dheeraaf mana kuusaa keessatti kuusuu dhiisanii karaa itti fayyadaman mijeessuun barbaachisaa ta’uu kabajamoon Aadde Tokkommaan ibsaniiru.

Hojiin misooma koridoorii hojii kalaqaa waan ta’eef, sibiilonni, qaruuraa fi qabeenyi kana fakkaatan yeroo misooma koridoorii buqqifaman hojiiwwan misoomaa bulchiinsaaf deebi’anii kan hin fayyadamne yoo ta’e, miidhaan irra ga’a waan ta’eef, misooma koridoorii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *