Pirojektiin”Green Growth Empowering Youth For Green Future” jedhu Deeggarsa Maallaqaa Mootummaa Kanaadaa Birrii Mil. 97.5 oliitiin Dhaabbata SOS n hojjetamu Dirree Dhawaatti Jalqabamuuf Waliigalteen Sanadaa Mallatteeffame.
Bakka Bu’aa Daayreektara Dhaabbata “SOS” Obbo Muluqan Asfaaw sagantaa Sanada Walii mallatteessuu kanarratti argamuun haasaa taasisaniin Pirojektichi deeggarsa maallaqaa Birrii Mil. 97.5 ol ta’u mootummaa Biyya Kaanaadaarraa argameen kan hojjetamu ta’uufi Waggoottan 5f kan turu ta’uu eeranii pirojektichi dargaggoota bulchinsaa 2500 ol ta’an fayyadamoo kan taasisu ta’uu ibsan.
Obbo Muluqen dabalataanis dhaabbanni SOS Bulchinsattii pirojektoota hojii namoomaafi tolaooltummaa garagaraa hojjechaa jiraachuufi Pirojektiin inni kunimmoo dargaggootaafi dubartoota hedduu fayyadamoo kan taasisu ta’uufi raawwiifi milkaa’ina pirojektichaafimmoo qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uus ibsaniiti jiran.
Sanada Waliigaltee Kanas Dabbanni SOS Biiroo Hojiifi Dandeettii Bulchinsa Dirree Dhawaa, Biiroo Misooma Maallaqaafi Dinagdee akkasumas Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa’immaniifi Hawaasummaa Bulchinsa Dirree Dhawaa waliin mallatteesseeti jira.
IliyaasAammeetiin
Suuraa:Salaam Abbabaa


