Ji’a Ramadaanaa dhufu kana keessatti ummanni muslimaa hawaasa Harka Qalleeyyii gargaaruu fi hojii gaarii raawwachuun sooma kabajuu qaba”

Kabajamoo Kantiibaa Bulchiinsa Dirree dhawa obboo Kedir Johar.

Soomni ji’a Ramadaanaa 1446 guyyaa 6 booda akka eegalu ni beekama.

Waltajjiin Merkuz 30ffaan sirna amantaa Islaamaa adda addaatiin bakka hordoftoonni amantii Islaamaa, Ulamaa’otaa fi imaamoonni bulchiinsa Dirree dhawaa hedduun iddoo argamanitti kabajameera.

Sagantaa kana irratti bakka bu’aan Mana Maree Dhimmoota Islaamaa Bulchiinsa Dirree dhawaa Ustaaz Abdallaah haasaa isaanii keessatti waltajjiin Merkuz gara Dirree dhawa dhufuu isaatti gammaduu ibsuun ji’a Ramadaanaa bara 1446 hijiraaf nagaa isaa hawaasa Muslimaa guutuuf dabarsuu isaanii ibsaniiru.

Ummanni Musliimaa ji’a Ramadaanaa kan soomanaa fi salaata keessatti dabarsuu kanatti hojii gaggaarii barakaa fidu hojjachuun dabarsuu akka qabu ibseera.

Waltajjicharratti Kabajamoo Kantiibaan Bulchiinsa Dirree dhawaa Kedir Johaar yeroo sooma guddaa Ramadaanaa hawaasni Musliimaa hojii gaggaarii raawwachuudhaan Uumaa irraa araara argachuu qaba jedhan.

Kabajamoo kantiibaan obb Kedir Johar namoonni yeroo soomaa rakkatan gargaaruu fi kunuunsuun akka dabarsan waamicha dhiyeessaniiru.

Hirmaattonni waltajjicha waliin haasofne akka jedhanitti, Waltajjiin Merkuz 30ffaan ji’a Ramadaanaa soomaaf qophii ta’uu isaatti caalaatti gammaduu isaanii fi sooma kana qalbii qulqulluu fi dhiifama gochuun jalqabuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

keessatti Afyaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Dirree dhawa Kabajamtuu Aadde Fatiyaa Aden, Itti Aantuu Afyaa’iiMana Maree Bulchiinsaa Kabajamtuu Aadde Kaarimaa Alii, qondaaltonni olaanoo bulchiinsa kanaa, jaarsole biyyaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Muktar Ahmadiin

Surra Aganyahu Shawaraggaaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *