Kaampaaniin Aftaa Meyraa Manneen20/80 Ijaaruudhaaf Maaykiroofaaynaansii Dirree Waliin Walii galtee Mallatteesse.

Magaalaa Finfinneetti Manneen Waliin jireenyaa ijaarsisuudhaan kan beekkamu Dhaabbanni Aftaamreyraa Dhaabbilee daldalaa kanneen alergiifi alaagalchiirratti hojjetan hedduu kan qabu yommuu ta’u, Magaalaa Dirree Dhawaattis manneen waliinjireenyaa 20/80 ijaarsisuudhaaf guyyaa kanatti Maaykiroo faaynaansii Dirree Waliin waliigaltee mallatteessaati jira.

Dhaabbatichi manneen jireenyaa baasii ijaarsa manneenii dhibbeentaa 20 qusachuudhaan abbaa manaa kan taasisuufi kanneen hafe dhibbeentaa 80% waggoottan 15 keessatti kafaluudhaan ta’uu hundeessaafi hojigaggeessaa dhaabbatichaa kan ta’an Obbo Amiir Abdulwahab dubbatanii ijaarsi manneen Kansas yeroo ji’oottan 9 hanga waggaa tokkoo keessatti kan xumuramu ta’uus ibsaniiti jiran.

Obbo Amiir itti dabaluudhaanis dhaabbanni isaanii bara kanatti manneen kuma 6 ol ijaarsisuudhaaf karoora qabaachuu eeranii buqqaatota misoomaa manneen iddoo ijaarsa manneenii turaniif beenyaa kan kafalu ta’uu ibsaniiti jiran.

Hojigaggeessa Waldaa Liqqifi Qusannaa Dirree Kan ta’an Obbo Tashoomaa Abbabaa gamasaaniitiin waldichi baadiyyaafi magaalatti jireenya ummataa geeddaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeranii namni hunduu qarshii 50 irraa jalqabee qusachuudhaan Abbas manager jireenyaa ta’uu akka danda’anis dhaamaniiti jiran.

Iliyaas Aammeetiin

Suuraa:Agenyehu Shawaaraggaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *