Waltajjii marii kana irratti argamuun haasaa kan taasisan Hooganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kabajamoo Obbo Sulxaan Alii akka jedhanitti Kaayyoon Marii kanaa Qulqulina Damee barnootaa mirkaneessuuf Tattaaffiin gara garaa Akka Biyyaa fi Bulchiinsaattiis taasifamaa jira jedhanii Qulqulina barbaadamu milkeessuuf Gaggeesota Manneen Barnoota Dhuunfaa fi qooda fudhatootaa waliin walhubachuun hojiiwan qulqullina Barnootaa fooyyessuuf dandeesisan irratti hunduu ga’ee Gama isaa Akka bahatuuf yaadamee Kan Qophaawe jedhan.
Obbo Sulxaan ittidabaluuniis Qulqullina Barnootaa irratti Qorannoon madaallii, deegarsaa fi Hordoffii ji’oota darban gaggeeffame irratti hundaa’uun Gaggeesota Manneen Barnootaa ilaalchisee qorannoon taasifameen Mariin kun qophaawuus addeessan.
Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa irra caalaan isaanii barsiisota yeroo muraasaaf hojjetan dabalatee barsiisota mataa isaanii ga’aa akka hin qabnee dabalatee hanqinootaa fi hudhaawan Qulqulina damee Barnootaa Qorannichi foo’e haala Itti fooya’aniis ibsameera.
Hirmaatonni waltajjichaa gaaffiiwan gara garaa kan kaasan yoo ta’u gaaffiiwanii fi yaadota ka’aniif Gaaffii fi yaadota ka’aniif Obbo Sulxaan Ibsaa fi deebii laataniiru.
Dhumarrattis ogeessi olaanaa qophii karoora dhaabbatichaa, raawwii hojii bara 2016 manneen barnootaa dhuunfaa keessatti dhiheessite, Aadde Geexbas Tesfayeetiin kan dhiyaate yoo ta’u, sanada kanarratti hoggantoota dhaabbilee barnootaa miti mootummaa fi qooda fudhattoota waliin mariin bal’aan geggeeffamera.


